Gaambiyaatti Komishiniin haqa barbaadu miidhaawwan sirna darbeen raawwataman dhaga’uu jalqabe

54

Mudde 30/2011 Komishiniin haqaa, tokkummaa fi beenyaa Gaambiyaa akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 1994 Jaameehiin gaggeeffamuudhaan sirna heera mootummaa biyyattii fonqolcha loltuutiin buusuun sirna waggoota 22f qajeelche irratti haala ture jecha raga baatotaa dhaggeeffachuu jalqabeera.  

Lammiileen biyyattii, sirni biyyattii waggoota 22f bulchaa ture dbaba inni raawwachaa ture dhageessisuudhaan haqa gaafachaa jiru.

Gabaasni ‘CGTN’ Afriikaa akka mul’isetti sirni Jamhehi lammiilee gidirsuu fi miliksuudhaan kan himatamu yoo ta’u, dhumarratti aangoo gadhiisuuf  sababa ta’era.

Komishinichi waggaa lamaaf kan turu yoo ta’u, haala Jaameehi fonqolcha mootummaatiin aangoo itti qabatanii fi waggoota 20 oliif  aangoorra akka turan namoootaa fi dhaabbilee hojjetaa  turanii ni qorata.

“Komishinichi biyyattiif ni barbaachisa, dogoggorri darbe akka lammata hinhojjetamnee fi mootummaa kamiyyuu Gaambiyaarratti sirna oftuulaa akka   hin hundeessineefi” kan jedhan dura taa’aa komishinichaa Laamiin siis dha.

Abbootiin taayitaa biyyattii dogoggora darbe sirreessuudhaan biyya mirgi namoomaa fi olaantummaan seeraa itti mirkanaa’e akka taatu akka hojjetan ibsuu isaanii gabaasni kun mul’iseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015