Guyyoota Itti Aanan 10 Keessatti Naannoon Lixa Biyyattii Rooba Idileerraa Fooyya'aa Ta'e Argachuu Ni Danda'a --- Ejensicha

85

Caamsaa 28/2011 Guyyoota itti aanan 10 keessatti naannoon lixa biyyattii rooba Idileerraa fooyya'aa ta'e jiraachuu ni danda'a jedhe ejensiin meetirooloojii biyyoolessaa beeksise.  

Ejensichi ibsa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf ergeen akka jedhetti naannoo Oromiyaa godinaaleen Wallaggaa bahaa fi lixaa, Jimma, Iluu Abbaa Booraa, Harargee bahaa fi lixaa fi Shawaa hunda akkasumas Arsii fi Baaleen rooba ni argatu.  

Kana malees naannoo Amaaraarraa Goojjaam bahaa fi Goojjaam Lixaa akkasumas naannawaan baahirdaar hundi rooba akka argatan ejensiin kun ibseera.

Godinaaleen Tigraayi bahaa fi Kibbaa, Nannoon Beenishaanguul Gumuuz fi Nannoon kibbaa akkasumas Finfinneen rooba Idileedhaa olii akka roobu ni eegama jedheera.

Kana malees haala qileensaa irraan kan ka'e iddoo tokko tokkotti roobni hanga kan eegamu ol ta'uu ni danda'a jedhee jira ejensichi.

Karaa biraan ammoo nannoo Oromiyaa godinaaleen Booranaa fi Gujii, Nannoo Soomalee iddoo tokko tokkotti roobni xiqaan kan eegamu yoo ta'u, Godinaleen kanneen biroo caama ta'anii kan turan ta'u isaas beekamee jira.

Guyyoota kurnan dhufanittii iddoon rooba argatan kunneenitti sochiin rooba jiru kun qonna gannaatiif haala mijaata kan uumu dha jedheera ejensichi.

Roobni yeroo kana jiraatu kunis qabiyyee biyyeef, kuduraa fi muduraaf akkasumas qophii qonnaa bara kanaaf faayidaan isaa olaanaa akka ta'e ibsee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015