Muummichi Ministiraa Abiyyi Ahmad Barattoota Sanbataa Waliin Bakka Ayyaanni Id Al Faxir Itti Kabajamu Qulqulleessan

70

Finfinnee Caamsaa 26/2011 Muummichi ministiraa doktar Abiyyi Ahmad barattoota Sanbataa Mana Kiristiyaanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa waliin har’a bakka ayyaanni Id Al Faxir itti kabajamu Istaadiyeemii Finfinnee fi naannawaa ishee qulqulleessan.

Guutummaa hordoftoota Isilaamaa biratti  haala ho’aan kan kabajamu ayyaanni soolaat Id Al Faxir Istaadiyeemii Finfinneetti ni kabajama.

Muummichi ministiraa Doktar Abiyyi Ahmadis barattoota Sanbataa Mana Kiristiyaanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa waliin bakka kana qulqulleessaniiru.

Dhuma sooma ji’a Ramadaanaa kanaaf obboloonni hordoftoota amantaa Kiristiyaanaa  bakka ayyaanni kun itti kabajamu qulqulleessuun tokkummaa/ aantummaa/deeggarsa isaanii agarsiisaniiru.

Dargaggoonni magaalattiis Istaadiyeemii Soolaanni Id  itti gaggeeffamu qulqulleessuu isaanii fuula weebsaayitti waajjira muummicha ministiraatii odeeffannoon argame eereera.

Jimaata darberraa eegalee guutummaa biyyattiitti dargaggoota hojii tola ooltummaarratti bobba’an bakka Soolaanni Id itti gaggeeffamu qulqulleessaa turaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015