Maaraatoonii Chaayinaa Laanzuutti Dorgomamu Irratti Atileetonni Itiyoophiyaa Ni injifatu jedhameetu eegama

95

Caamsaa 24/2011 Maaraatoonii biyya Chaayinaa Laanzuutti dorgomamu irratti atileetonni Itiyoophiyaa koorniyaan lamaaniin tilmaama injifannoo duraa argatanii jiru.

Dubaratootaan Atileet Warqinash Iddeessaa, dhiirootan ammoo Atileet Limaniih Geetaachoo tilmaama injifannoo duraa argatanii jiru.

Atileet Warqinash Amajjii bara 2011 maaraatoonii Dubaay sa'aatii 2 daqiiqaa 21 fi sakondii 5iin xumuruun sa'aatii ishee gaarii galmeessuun kan yaadatamu dha.

sa'aattiin Warqinaash qabduus atileetoota har'a dorgommii kana irratti hirmaatan kessaa isa foyyaa'a dha.

Atileetiin Itiyoophiyaa kan biroo Guutanii Shoone ammoo Warqinaashitti aantee atileetii tilmaama lammaffaa argate dha.

Atleet Guutaniin maaraatoonii biyya Ameerikaa Hiiwustaanitti dorgomamee tureen sa'aatii 2 daqiiqaa 23 fi sakondii 32 galmeessiftee turte.

Maaraatoonii kanaan atileetonii Itiyoophiyaa Faantuu Jimaa, Faaxumaa Saadoo, Abarruu Makuriyaa fi atileetonni biroos kan hirmaatan ta'uun beekamee jira.

Dorgommii dhiirootaan ammoo atileet Limanih Geetaachoo tilmaama injifannoo duraa argachuu isaa Federeeshiniin atileetiksii Aduunyaa himeera.

Atileet Limaniih maaraatoonii Faransaay paarisitti dorgomamee tureen sa'aatii 2 daqiiqaa 6 fi sakondii 49n galuun isaa kan yaadatamu dha.

Atileetiin kun kanaan duraa maaraatoonii biyya Chaayinaatti dorgomamee tureen 4ffaa ba'ee xumuruun isaa ni beekama.

Atileet Shumet Akaalnewu, Birraa Sobbooqaa fi atileetonni kanneen biroos kan hirmaatan ta'a. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015