Wixinee Labsii Sirna Qophii Wixinee Seeraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Irratti Yaanni Ummataa Dhaga'amaa Jira.

66

Finfinnee  Caamsaa 24/2011 Wixinee labsii sirna qophii wixinee seeraa mootummaa naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe irratti yaanni ummataa dhaga'amaa jira.

Rakkoolee qulqullina seerotaan walqabatee mudatu furuuf, seerri hojiin kun ittiin hogganamu ni barbaachisa jedhan af yaa'iin Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoon.

Seerota qulqullina qaban baasuuf immoo sirna qophii wixinee labsichaarraa eegalee hojiin hojjetamu kamiyyuu murteessaadha jedhan.

Hirmaattonni waltajjichaas muuxannoo fi beekumsa qaban qooduun wixinee bahe gabbisuu keessatti gahee isaanii akka ba'ataniif dhaaman.

Marii gaggeeffamaa jiru kanarratti qaamoleen mootummaa fi ummataa dhimmi ilaalu kan irratti argaman yommuu ta'u, barreeffamni qorannoo Xiinxala Barbaachisummaa Sirna Qophii wixinee seeraa Dura Taa'aa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa fi Seeraa Kabajamoo Obbo Isaa Boruutiin dhiyaachaa jira jechuun biiroon dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015