Furmaanni Hatattamaa Yoo Hin kennamneef Aramaa Imboc Hidha Guddicha Haaromsaaf Yaaddoodha

63

Caamsaa 23/2011 Miidhaan aramaa Imbocciin biyyattiirra ga'aa jiru yeroodhaan yoo hin dhaabbannee fi furmaanni yoo itti hin kennamne hidha guddicha Haaromsaa dabalatee qaamolee bishanii kanneen biroo sadarkaa olaanaadhaan akka miidhu manni hojii odiitara olaanaa federaalaa beeksise.

 Sirni miidhaa aramaan kun sadarkaa biyyaatti geessisu ittisuuf dandeessisu  waan hin diriirfamnee fi dhaabbanni rakkoo kana ittisu waan hin jirreef miidhaan qaqqabu bal'achaa fi dabalaa dhufuusaa dabalanii ibsaniiru.

Odiitarri olaanaan gabaasa raawwii odiitii bara 2010 mana maree bakka bu'oota ummataaf wayita dhiheessan "aramaan Imboc miidhaa sadarkaa biyyaatti geessisu ittisuuf dhaabbanni hojjetu hin jiru " jedheera.

Waan kana ta'eef manni hojii kun miidhaa aramaan kun geessisu ittisuuf sochii taasifamu odiitii gochuuf rakkachuusaa eeraniiru.

Odiitarri olaanaa federaalaa obbo Gammachuu Dubbisoo akka ibsanitti, inistiitiyuutiin lubbu qabeeyyii Itiyoophiyaa qabeenyi lubbu qabeeyyii sanyiiwwan biyya alaatii galaniin akka hin faalamne  fi badiin akka irra hin geenye to'annoo fi hordoffii akka taasisu labsiidhaan tumeera.

Haa ta'u malee Inistiitiyuutichi aramaa Imboc ilaalchisee qaamoleen mootummaa fi mit-mootummaa qorannoo fi qu'annoo hedduu gochaa jira sababa jedhuun hojii seeraan kennameef hojjechaa hin jiru.

Ministeerri bishaanii, jallisii fi elektiriikii duraanii aramaa kana to'achuuf, hir'isuu fi madda isaa fi amma facaatiisaa adda baasee haroowwanii fi laggeenirra miidhaan guddaan akka hin geenye waan hin hojjetamneef haroowwanii fi laggeenirra miidhaa fi dhiibbaa guddaan ga'aa jira.

Kanaaf aramaa Imboc balleessuuf qorannoowwan sadarkaa naannootti taasifaman jiraatanis sadarkaa biyyaatti qorannoo guutuu taasisuudhaan haala aramichi itti uumamu, maddasaa fi amma facaatiisaa hir'isuu fi to'achuuf qorannoo irratti kan hundaa'e tarsiimoo qindaa'e diriirfamee yaaliin hin taasifamne.

Kanaanis rakkoo aramaan Imboc geessisaa jiru haroo Xaanaatiin ala haroowwan Ziwaayii fi Abbayyaa akkasumas laggeen Baaroo fi kanneen biroorratti mul'achaa fi babal'achaa dhufeera.

Guddinnii fi bal'inni rakkinichaa hubannoo argate tarsiimoon qindaa'aa diriiree, qabeenyi barbaachisu ramadamee fi hatattamaan yoo hojiirra hin oolle hidha haaromsaa guddicha dabalatee haroowwanii fi laggeen irratti balaa guddaa kan geessisuu waan ta'eef tarkaanfiin hatattamaa akka fudhatamu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015