Ameerikaan Eertiraa Biyyoota Shororkeessummaa Deeggaran Keessaa Haqxe

67

Caamsaa 21/2011 Yunaayitid Isteetiin Eertiraa biyyoota shororkeessummaa deeggaran keessaa guutummaa guutuutti haquun ishee dubbatame.

Kunis kan ta’e kutaa baha Afriikaaf hojiiwwan dippiloomaatii hojjechuuf  balbala kan banudha jechuun biiroon gabaasa federaalaa har’a ibsa baaseen beeksiseera.

Hanga ammaatti Iraan, Kooriyaa Kaabaa, Sooriyaa fi Veenzuweelaa galmee shororkeessitootaa keessatti biyyoota galmaa’an akka ta’e ibseera.

Jalaqaba Yunaayitid Isteetiin Eertiraan Kooriyaa kaabaarraa meeshaa waraanaa lakkoofsaan baay’ee ta’e ni bitti jedhamee himatamaa turuun ishee gabaasa kanaan eereameera.

Waashingiteen Eertiraan irra deddeebiin lammiilee Ameerikaa hidhaarra jiran dabalatee sababa siyaasaa fi amantaa lammiilee mana hidhaatti argaman akka gadhiiftuuf kakaafamaa turteetti.

Jalqabni dippiloomaatikii Eertiraa karaa walitti hidhiinsa qabuun ce’umsa taasisaa akka jiru gabaasameesa.

Waggaa dabarsinetti  Eertiraa fi Itiyoophiyaa gidduu rakkoon ture hiikamuun Asmaraan biyyoota ollaa waliin walitti hidhiinsa hedduu kan agarsiisu hojii dippiloomaasii raawwachuu isheetiin beekamtiin badhaafamteetti jechuun eereera gabaasichi.

Manni nageenyaa mootummoota gamtoomanii Eertiraan garee shororkeessaa Somaaliyaatti bobba’eef deeggarsa ni gooti jedhamuun qoqqobbiin irra kaa’amee akka ture dubbatameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015