Qajeelfamni Alkoolii Biroodkaastiidhaan Beeksisuu Dhorku Har'aa Jalqabee Hojiirra Oola

67

Caamsaa 21/2011 Qajeelfamni alkoolii biroodkaastiidhaan beeksisuu dhorku har'aa jalqabee hojiirra oola.  

Labsiin bulchiinsa Nyaataa fi Dawaa lakkoofsi 1112 Amajjii 28/2011 Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiin ragga'ee, Guraandhala 21/2011 Gaazexaa Nagaarit irratti maxxanfamee ba'uun ni yaadatama.

Labsicharratti akkaataa keeyyata 74(4) qajeelfamni dhugaatii alkoolii biroodkaastidhaan (televiizhinii fi raadiyoodhan) beeksisuu dhorku har'a Caamsaa 21/2011 eegalee hojiirra kan oolu ta'uu ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Amiir Amaan beeksisaniiru. 

Haaluma kanaan miidiyaa biroodkaastiidhaan alkoolii beeksisuun akka hin danda'amne yaadachiisaniiru. 

Beeksisoonni dhugaatii alkoolii biilboordiis kaafamuu akka qaban ibsameera. 

Labsichaan namoota umriin isaanii waggaa 21 gadi ta'eef dhugaatii alkoolii gurguruun dhorkaadha. 

Sadarkaa Eejansii Sadarkeessa Itiyoophiyaatiin ragga'een hiikkaan alkoolii sirriin 0.5 ta'a. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015