Atileetonni Itiyoophiyaa Dorgommii Har’a Naayijeeriyaa Fi Kanaadaatti Adeemsifamu Irratti Ni Hirmaatu

78

Finfinnee Caamsaa 17/2011 Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii har’a Naayijeeriyaa fi Kanadaatti atileetiksoota guutuu addunyaan adeemsifamu irratti Naayijeeriyaatti bakka bittaa `Ido`tti  fiigicha daandiirraa okpekipe kiilomeetira 10 atileetii adeemsifamuun dubartootaan Sintaayooo Lawwaxanyii fi Suutumee Asaffaa, dhiiraan atileetii Taayyee Girmaa ni hirmaatu.

Dorgommii kanarratti atileetonni Itiyoophiyaa fi Keeniyaa tilmaama mo’achuu akka argatan gabaasni waldaa federeeshiniin atileetiksii guutuu addunyaa eereera.

Atileetonni koorniyaa lamaaniinuu mo’atan badhaasa Doolara kuma 20 kan argatan yoo ta’u, waliigalaan 1-8tti kan ba’aniif badhaasni Doolaara kuma 112 qophaa’eera.

Yeroo 7ffaaf kan adeemsifamu dorgommiin okipekipe fiigicha daandiirraa kiilomeetira 10 kun waldaa federeeshinii atileetiksoota guutuu addunyaan sadarkaan meetii kan itti kennamedha.

Waggaa darbee fiigichi daandiirraa okipekipe kiilomeetira 10 kana irratti dubartootaan atileetii Darraa Diidaa/Didhaa fi dhiirotaan atileetii Keeniyaa Aleksi Kibet mo’attoota akka turan ni yaadatama.

Karaa biraan Kanaadaatti dorgommii fiigicha daandiirraa Otowaa kiilomeetira 10 galgala sa’atii 12 hanga 3tti ni adeemsifama.

Atileetota dubartootaan Geetee Alamaayyoo fi Immabeet Mangistuu, dhiirotaan Fiqaaduu Haftuu ni hirmaatu.

Koorniyaa lamaaniinuu atileetonni Keeniyaa tilmaama mo’achuu dursaa akka argatan waldaan federeeshinii atileetiksoota guutuu addunyaa fuula weebsaayitii isaarraatti baaseera.

Atileetonni koorniyaa lamaaniinuu mo’atan badhaasa Doolaara Kanaadaa kuma 5 kan argatan yoo ta’u, atileetiksoota 1-8tti ba’aniif badhaasni maallaqaa ni kennamaaf.

Yeroo 34ffaaf kan adeemsifamu dorgommiin fiigicha daandiirraa Otowaa kiilomeetira 10 waldaa federeeshinii atileetiksoota guutuu addunyaan dorgommii sadarkaan warqii  kennameefidha.

Waggaa darbe dorgommi Otowaa kiilomeetira 10 kanarratti atileetota dubartootaan Natsaannat Guddataa dhiirotaan Li’uul Gabrasillaasee mo’achuun isaanii ni yaadatam.

Dabalataan boru Kanaadaatti kan adeemsifamu maraatooniin Otowaa koorniyaa lamaaniinuu atileetonni Itiyoophiyaa tilmaama mo’anna dursaa akka argatan waldaan federeeshinii atileetiksoota guutuu addunyaa fuula weebsaayitii isaarraatti baaseera.

Atileetota dubartootaan Shukkoo Ganamoo, Ababaa Gabramasqal, Beeteliheem Mogosii fi Tigist Girmaa ni hirmaatu.

Maraatoonii kana ni mo’atti jedhamtee tilmaamni dursaa kennameefii ture Atileetii Tirfee Tsaggaayee butaa hidda dhiigaa ishee mudateen dogommii kanarratti kan hin hirmaanne ta’uushee beeksisteetti.

Dubartootaan waggoota saglan darbanitti walitti fufinsaan maraatoonii Otowaan atileetonni Itiyoophiyaa mo’achuun olaantummaa qabataniiru.

Dhiirotaan Waggaa darbee maraatoonii Nezarlaandii Rotardamitti sa’atii 2 daqiiqaa 5 fi sakondii 50tti galuun fageenyichaan sa’atii filatamaa dhuunfaa isaa kan galmeesse atileetii Abarraa Kumaa,  tilmaama mo’annaa dursaa argateera.

Atileetonni Itiyoophiyaa Abarraa Kumaa dabalatee Tsidaat Abajjee, Geetuu Fallaqaa fi Addunyaa Taakkalaa dorgommicharratti kan hirmaatanidha.

Koorniyaa lamaaniinuu atileetonni mo’atan badhaasa Doolaara kuma 30 kan argatan yoo ta’u,  koorniyaa lamaaniifuu sadarkaa 1-10 kan ba’aniif badhaasni maallaqaa ni gumaatamaaf.

Yeroo 45ffaaf kan adeemsifamu maraatooniin Otowaa waldaa federeeshinii atileetiksoota guutuu addunyaan dorgommii sadarkaan warqii kennameefidha.

Waggaa darbe maraatoonii Otowaa irratti dubartootaan Galatee Burqaa, dhiiraan immoo Yemaanee Tsaggaayi mo’attoota turan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015