Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Qu’annoo Caasaa Isaa Gara Naannoleetti Gadi Buusuuf Isa Dandeessisu Xumure

393

Caamsaa 15/2011 Boordiin filannoo biyyaalessaa qu’annoo caasaa isaa gara naannoleetti gadi buusuuf isa dandeessisu xumuruusaa beeksise.

Filannoon biyyaalessaa bara 2012 adeemsifamu amanamaa taasisuuf labsiin boordii hundeessu dhihoo kana mana mare bakka bu’oota ummataatiin ragga’uunsaa ni yaadatama.

Boordii filannoo biyyaalssaatti gorsituun komunikeeshinii adde Sooliyaanaa Shimallis tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka himanitti akkaataa labsichaatiin caasaa keessoo boordichaa fi gurmaa’insasaa gara naannoleerrattis hojiirra oolchuuf kan dandeessisu qu’annoon xumurameera.

Akkaataa seerichaatiin caasaa geeddaruu fi hojiiwwan bulchiinsaa hojjechuudhaan mana hojii muumichaa fi naannoleerratti human namaa guutuuf hojjetamaa akka jiru addeessaniiru.

Haala qu’annoo kanaatiin kanaan dura rakkoolee gurmaa’insa buufataalee federaalarraa amma aanaatti jiranirratti jiru sirreessuuf akka hojjetamu gorsituun kun ibsaniiru.

Qu’annoon kun gurmaa’insi boordii filannoo gubbaa irraa amma jalaatti ummata biratti bifa amanamaa ta’een hojiirra akka oolu sirni hojmaataa kan uumu ta’uun itti amanameera.

 “Itiyoophiyaanonni haala qophii dhaabbatichi taasiseen filannoo yoo adeemsise ni amanna” xumura jedhurra ga’amee filannoon amanamummaadhaan akka adeemsifamu boordiin filannoo xiyyeeffannoon hojjechaa akka jirus eeraniiru.

Kanaaf yeroo hafetti filannoof kan barbaachisan hojiiwwan seeraa fi gurmaa’insaa hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Boordiin filannoo akkaataa aangoo fi yeroo seeraan kennameefiin filannoo adeemsisuuf qophii taasisuu malee filannoo dheeressuu fi haa adeemsifamu jechuuf aangoo akka hin qabne hubachiisaniiru.

Haa ta’u malee filannoo adeemsisuuf qophii taasisu haalli qabatamaa biyyattii dhiibbaa akka irratti taasisu ni dubbatu.

Filannoo adeemsisuuf raawwachiiftota filannoo kuma 250 amma kuma 300 biyya keessatti bobbaasuu kan gaafatu yoo ta’u, meeshaalee filannoof barbaachisanis akkasuma.

Hojiiwwan kanneen raawwachuuf haalli qabatamaa jiru rakkisaa yoo ta’e humna boordiitii ol ta’uu qaama ilaaluuf akka beeksisan ibsanii ammanatti garuu qophiisaa cimsee itti fufa jedhaniiru.

Wayita filannoo miidiyaalee hawaasaa fayyadamuudhaan odeeffannoo sobaa fi dubbiiwwa jibbiinsaa tamsaasuun kan barame ta’uusaa, filannoo dhufurratti rakkooleen wal fakkaatoon akka hin mudanne quunnamtii hawaasaa waliin mariiwwan walitti fufan akka taasifaman ibsaniiru.

Labsiin hundeessa boordii filannoo, seerri filannoo, hariiroon waldaalee siviikii fi paartilee siyaasaa waliin jiru hojiiwwan baatiiwwan darban jalqabamanidha.

Itiyoophiyaan filannoo biyyaalessaa shanaffaa bara 2012 adeemsiftu yeroo qabameefitti akka adeemsifamu ibsamuunsaa kan yaadatamudha.