Balfi Warshaalee Keessaa Ba'u Miidhaa Gara Garaa Nurraan Ga'aa Jira …Jiraattota Magaalaa Sabbataa

135

Caamsaa 14/2011 Balfi xuraawaan warshaalee gara garaa keessaa ba'u miidhaa hamaa nurra geessisaa jira jedhan jiraattonni magaalaa Sabbataa yaadda isaanii tajaajila oduu Itiyoophiyaaf ibsan.

Jiraattonni kunneen akka jedhanitti naannawa isaaniitti warshaaleen hedduun jiraatanis balfa hin yaalamne waan gadi dhiisaniif dhukkuboota gara garaaf saaxilamaa jiraachuudha kan himan.

Waajjirri abbaa taayitaa eegumsa naannoo, bosonaa fi jijjiirama qilleensaa magaalaa Sabbataa gama isaatiin rakkoon ummanni kaase sirrii ta'uu himee furmaata hatattamaa kennuuf hojjachaan jira jedheera.

Jiraattuun magaalaa Sabbataa adde Likee Isheetuu akka jedhanitti osoo warshaaleen gara naannawa isaaniitti hin dhufiin dura lagni nannawa isaaniitti argamu Haxaaballaan qulqulluu fi dhugaatii namaaf kan itti fayyadamaa turan ta'uu himaniiru.

" Yeroo ammaa kana garuu warshaaleen naannawa laga kanaa jiran balfa hin yaalamne gadi dhiisaa waan jiraniif loowwan keenya laga kana dhugan miidhaaf  saaxilamaa jiru " jedhaniiru.

Fooliin warshicha keessaa ba'us jireenya keenyarratti dhiibbaa geessisaa jira jechuunis himaniiru.

Qaamni dhimmi ilaallatus rakkoo keenya hubatee furmaata akka nuuf laatu iyyanna jechuunis dubbataniiru.

Obbo Kibruu Tsaggaayee gama isaaniitiin umrii isaanii guutuu magaalaa Sabbataa keessa akka jiraachaa turan himanii, yeroo ammaa kana magaalittiitti jijjiiramnii qilleensaa fi faalamni naannawaa ballinaan mullachaa jira jedhaniiru.

Faalamni kunis balfa warshaalee keessaa ba'uun akka ta'e himanii, warshaaleenis balfa gara ummataatti gadi dhiisan qulqulleessanii akka dabarsan gaafataniiru.

Warshaaleen tokko tokko ammoo guyyaa guyyaa dhangala'aa cufuun halkan gadi dhiisuun naannawa faalaa waan jiraniif hojii isaanii kana irraa of qusachuu qabu jedhaniiru.

" Horiin keenya bishaan faalamaa dhuganii yeroo dhukkubsatan mana yaalaatti qarshii baayyee baasaa jirra " jechuun himaniiru.

Naannawi keenyas ilbiisota adda addaatiin dhuunfatamaa jiras jedhaniiru.

Adde Gannat Fiqaaduu gama isaaniitiin daa'imman isaanii dhukkuboota gara garaaf saaxilamaa akka jiran tajaajila oduu Itiyoophiyaatti himaniiu.

Yeroo yeroonis mana yaalaa deemuun baasii humnaa ol baasaa akka jiranis dhaamaniiru.

Godina Shawaa Kibba Lixaatti qonnaan bulaa aanaa Awaash Warquu Adaanaa akka jedhanitti lagni magaalaa Sabbataa irraa gara aanaa isaaniitti yaa'u qonna isaanii irratti miidhaa geessisaa jiraachuus dubbataniiru.

Bishaan faalamaan magaalaa Sabbataa irraa yaa'u oomisha kan akka Timaatimaa, Qullubbii fi Raafuu nu jala gubaa jiras jedhaniiru.

Loon isaaniis bishaan kana yeroo dhugan gogaan isaanii irraa akka qunca'aa jiru himanii, horii rimaa ta'anis jalaa gatachiisaa jiraachuu dha kan dubbatan.

Qonnaan bultoota irraas harka isaanii quncisaa jiraachuu dha kan himan qonnaan bulaan yaada isaanii kennan kun.  

Bishaan faalame kunis laga Awaash waliin waan walitti makamuuf laga Awaash irrattis dhiibbaa geessisaa akka jiru dubbataniiru.   

Waajjirri abbaa taayitaa eegumsa naannoo, bosonaa fi jijjiirama qilleensaa magaalaa Sabbataa rakkoon ummanni kaase sirrii ta'uu himee, furmaata hatattamaa kennuuf hojjachaan jira jedheera.

Hogganaan abbaa taayiticha obbo Nagaash Taaddasaa akka jedhanitti warshaaleen balfa osoo hin yaaliin gadi dhiisan hedduun jiru jedhaniiru.

Wajjirri isaaniis ji'oottan darban keessatti warshaaleen kunneen hojii kana irraa akka of qusatan akeekkachiisaa jiraachuu himanii,  warshaalee 20 ta'aniif ammoo of eeggannoo dhumaa kennuu isaanii himaniiru.  

Warshaalee 2 irratti ammoo tarkaanfii cufuu fudhachuu isaaniis eeranii, warshaaleen kunneenis warshaa Araqee fi warshaa gogaa ta'uus dubbataniiru.

Gara fuula duraattis warshaaleen kunneen balfa ummatatti gadi dhiisan akka dhaabaniif mariin geggeeffamuu himanii, kanneen marii kana irra darbanii yakka raawwatan irratti tarkaanfii barsiisaa ta'e fudhachuuf qophaa'uu isaaniis himanii jiru.

Yaaliin warshaalee naannawa faalaa jiran kanneen dubbisuuf taasifne abbaan warshaalee tokko tokko kan akka warshaa super double T karra isaanii waan cuffataniif milkaa'uu hin dandeenye.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015