Magaalaa Ficheetti Pirojektiin Bishaan Dhugaatii Birrii miiliyoona 209 tuqa 8n Hojjetame Tajaajila Kennu Eegale

56

Fichee Caamsaa 14/2011 Godina Shawaa kaabaa magaalaa Ficheetti projektiin bishaan dhugaatii birrii miiliyoona 209 tuqa 8n hojjatame tajaajila kennuu eegaluu isaa dhaabbanni bishaanii fi dhangla'aa magaalichaa beeksise.

Hojii gaggeessaan dhaabbatichaa obbo Addunyaa Tolchaa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka himanitti projektiin bishaan dhugaatii kun waggoota 25 dhufaniif ummata kuma 105 ol ta'aniif tajaajila kan kennu dha jedhaniiru.

Pirojektiin kun boolla gadi fagoo 8 kan of keessaa qabu yoo ta'u, gadi fageenyi isaaniis meetira 200 akka ta'e himanii, sakondii tokkotti bishaan liitira 80 akka burqisiisaan dubbataniiru.

Bishaan kana magaalaa Ficheetiin ga'uufis boolli kiiloo meetira 25 ol ta'u qotamuu isaa kan himan hojii gaggeessaan kun ibsaan yeroo bades bishaan akka hin dhaabanneef Janareetariin qophii ta'uus himaniiru.

Jiraattuun magaalaa Fichee adde Nuuriyaa Usmaan yaada kennaniin bishaan kun tajaajila eegaluun isaa rakkoo isaanii yeroo dheerraa akka furuuf dubataniiru.

Obbo Geetaachoo Warquu gama isaaniitiin baasii kana dura bishaan dhugaatii argachuuf baasaa turan akka hambisuuf himanii jiru.

Pirojektiin kun tajaajila osoo hin eegaliin waggoota 7 taa'aa turuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015