Mootummaan Naannoo Oromiyaa Sirreeffamtoota Seeraa kuma 7fi 29 ta'aniif Dhiifama Taasise

63

Finfinnee Caamsaa 14/2011 Mootummaan Naannoo Oromiyaa sirreeffamtoota seeraa naannicha keessaatti argaman kuma 7 fi 29 ta'aniif dhiifama taasiseera. 

Itti aanaan Pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsa gaazexessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, akkaataa heera mootummaa keeyyata 57/1 irratti kaa’ameen dhiifamni taasifameera.  

Sirreeffamtoonni kunneenis turtii isaaniin jijjiirama amalaa waan agarsiisaniif dhiifamni taasifameeraaf jedhaniiru.   
Yakkamtoota dubartootaa fi daa’imman irratti miidhaa geessisan, gocha sanyii balleessuu kan raawwatan, Bosona mancaasuu irratti kanneen hirmaatanii fi daldala seeraan alaa kan raawwatan dhiifamni kun hin ilaallatu jedhaniiru.

Sirreeffamtoonni kunneen yeroo gara ummataatti deebi'an haaloon akka itti hin ba'amneef araarri sirni Jaarsummaa ni raawwatamas jedhanii jiru.

Sirreeffamtoonni dhiifamni taasifameef kunneen wayita gara hawaasa isaaniitti deebi’an leenjii fi muuxannoo mana sirreessaa keessatti argatan qabatamaadhaan hawaasa isaanii keessatti hojiin agarsiisuu qabus jedhaniiru.

Hawaasnis sirreeffamtoota dhiifamni taasifameef kana ofitti qabuun hojii nageenyaa fi misoomaa irratti tokkummaan bobba’anii akka hojjetaniif tumsa akka taasisan dhaamaniiru.

Yakkoota akka naannoo Oromiyaatti irra deddeebi’uun raawwataman qorannoon taasifamaa jiraachuu fi qaamoleen seeraa sadan qindoominaan irratti hojjetaa akka jiran ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015