Waltajjiin Obbolummaa Naannoo Oromiyaa Fi Affaar Jimaata Dhufu Adeemsifama

52

Caamsaa 14/2011- Waltajjiin obbolummaa naannoo Oromiyaa fi Affaar Jimaata dhufu Adaamaatti akka adeemsifamu itti aantuun hoggantuu biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa adde Ummii Abbaa Jamaal beeksisan.

Aadde Ummiin ibsa laataniin akka beeksisanitti, waltajjicharratti waraqaan qorannaa hariiroo obbolummaa baroota dheeraa ummata Oromoo fi Affaar calaqqisiisu dhiyaatee irratti ni mari'atama.

Rakkoolee mudatan qindoominaan mariidhaan furuu, hariiroo obbolummaa cimsuu, jijjiirama eegalame itti fufsiisuurrattis ni mari'atama jedhaniiru.

Waltajjii obbolummaa Caamsaa 16/2011 Adaamaatti adeemsifamu kanarratti namoonni kuma 2 ol ni hirmaatu jedhameetu eegama.

Hirmaattota naannoo Affaarirraa gara Oromiyaatti dhufaniif boru magaalota godina Shawaa Bahaa fi magaalaa Adaamaatti simannaan ni taasifama.

Hoggantoonni naannolee lamaanii, abbootiin Gadaa, haadholiin siinqee, bakka buutonni ummataa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, dargaggoonni waltajjii obbolummaa kanarratti kan hirmaatan ta'uu adde Ummiin ibsaniiru.

Marii obbolummaa kanarratti hojiilee misoomaa, nageenyaa fi jijjiirama eegalame ceesisuurratti tumsan hojjechuuf kallattiin ni kaa'ama jedhameetu eegama.

Naannoon Oromiyaa waltajjiiwwan obbolummaa walfakkaatoo naannoo Amaaraa, Somaalee, Hararii, Beenishaanguul Gumzii fi Gaambeellaa waliin adeemsisuun isaa ni yaadatama jechuun kan gabaase biiroo dhimmoota komunikeeshinii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015