Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Labsii Hundeeffama Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Raawwachiisuuf Wixinee Danbii Dhihaate Koree Dhaabbataaf Qajeelche

58

Finfinnee Caamsaa 13/2011 Manni maree bakka bu’oota ummataa labsii hundeeffama tajaajila oduu Itiyoophiyaa raawwachiisuuf wixinee danbii ba’e qoratee bal’naan akka ilaalamu koree dhaabbataa dhimmoota seeraa, haqaa fi demokiraasiif qajeelcheera.

Manni maree bakka bu’oota ummataa wal ga’ii idilee har’a adeemsiseen labsii hundeeffama tajaajila oduu Itiyoophiyaa raawwachiisuuf wixinee danbii dhihaate irratti mari’atee bal’inaan akka ilaalamuuf koree dhaabbataa dhimmoota seeraa, haqaa fi demokiraasiif qajeelcheera.

Danbichi tajaajila oduu Itiyoophiyaa irra deebi’uun hundeessuuf labsii ba’e hojiitti hiikuuf barbaachisaa ta’ee argamuunsaa ibsameera.

Dhaabbatichi galmasaa walii galtee biyyoolessaa uumuudhaan maalummaa biyyattii ijaaruu ga’umsaan ba’achuu akka danda’u danbii bal’aa baasuun barbaachisaa ta’uunsaa mana marichaaf ibsameera.

Miseensonni mana marichaa barbaachisummaa danbichaa ilaalchisuun yaada qaban ibsaniiru.

Dhumarrattis manni marichaa danbii wixinee ba’e koreen dhaabbataa dhimmoota seeraa, haqaa fi demokiraasii bal’inaan akka ilaalu qajeelcheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015