Hariiroon Cimaan Ummattoota Oromiyaa Fi Gaambeellaa Gidduu Jiru Gara Misooma Waliiniitti Akka Cehu Gaafatame

48

Caamsaa 12/2011 Hariiroon cimaan ummattoota Oromiyaa fi Gaambeellaa jiru gara misooma waliiniitti akka cehu gaafatame.

Waltajjiin marii ummataa naannolee lamaanii magaalaa Gaambeellaatti qophaa’e xumurameera.

Hirmaattonni waltajjichaa akka jedhanitti hariiroo gaarii fi ollummaa gaarii ummattoota naannolee lamaan jidduu jiru itti fufuu qaba.

Hariiroon ummata naannolee lamaanii bara dheeraaf ture caalaatti cimee gara misoomaa fi huddina waliiniitti cehuu qaba.

Hirmaattota keessaa obbo Hayilamaariyam Taklamaariyam yaada kennaniin tokkummaan ummattoota naannolee lamaan jidduu jiru bara dheeraaf kan ture ta’uu eeraniiru.

Haa ta’u malee hariiroo isaanii kana misoomaan waan hindabaalamneef fayyadamummaa misoomaa ummattootaa duubatti hanbisaa waan jiruuf fuulduraaf xiyyeeffannoon akka itti kennamu gaafataniiru.

Keessumaa rakkoon daandii Oromiyaa Danbidoollo fi Gaambeellaa jidduu jiru waan hin hiikamneef hariiroo hawaasummaa fi dinagdee ummattoota lamaan jidduu jiru sadarkaa barbaadamuun milkeessuu hin danda’amne.

Kan yaada kenna kun akka jedhanitti fayyadamummaan misoomaa ummattoota lamaanii mirkaneessuuf haalli dandeessisu uumamuu qaba.

Hirmaataan kan biraa obbo Alamuu Mokonnon gamasaaniitiin, naannawa olla naannolee lamaanii haalli qilleensaa wal fakkaataan jiraachuu waliin wal qabatee pirojektii gosa tokko qopheessuudhaan haalli itti hojjetamuu danda’u akka mijatu gaafataniiru.

Keessumaa rakkoolee dame qonnaatiin mul’atan waliin hiikuu fi galteewwan teekinooloojii jireenya qonnaan bulaa fooyyessuu danda’an haalli itti fayyadamuun danda’a uumamuu akka qabu eeraaniiru.

“Hariiroo cimaa ummattoota jidduu jiru  gara misoomaatti ceesisuuf ummattoonni naannolee lamaanii waliin hojjechuuqabna” kan jedhan ammo maricharratti kan hirmaatan obbo Uboongi Awaaleeti.

Nageenyi ummattoota olla naannolee lamaan jidduu jiru caalaatti cimsuudhaan guddina naannawootaa fi biyyaatiif hundi ga’eessaa akka ba’u hubachiisaniiru.

Abbaan amantaa Liqa A’ilaaf Qesiis Balaayi Mokonnin yaada kennaniin hariiroon ummatootaa kun tokkummaa fi hariiroo gaarii gama cimsuutiin ga’ee olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Hariiroon kun naannawoota biyyattii biroof fakkeenya gaarii waan ta’eef cimee itti fufuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Hooggantoonni olaanoon naannolee lamaanii gaaffilee hirmaattotarraa ka’aniif deebii kennaniin, hariiroo ummattootaa kana misoomaan dabaaluuf hojjetamaa akka jiruibsaniiru.

Hooggantoota jidduudhaa pirezidaantiin itti aanaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa waltajjicharratti yaada kennaniin rakkoo bu’ura misoomaa daandii Oromiyaa fi Gaambeellaa jidduu jiru hiikuuf karoorfamuusaa dubbataniiru.

Karoora qabame keessaa rakkoo daandii Gaambeellaa irraa amma Dambidoollootti jiru hiikuuf waggaa dhufu Asfaaltiidhaan kan hojjetamu keessatti argama.

Dabalataanis fayyadamummaa misoomaa ummattoota naannolee lamaanii mirkaneessuu fi hariiroosaanii cimsuuf dame qonnaa, aadaa fi dameelee birootiin waliin akka hojjetamu beeksisaniiru.

Bulchaan bulchiinsa naannoo Gambeellaa obbo Umod Ujuluu gamasaaniitiin fayyadamummaa misoomaa naannolee lamaan jidduu jiru guddisuuf abbootiin qabeenyaa Oromiyaa invastimantii bal’aa naannicha keessa jiru irratti haalli bobba’uu danda’an mijachuusaa ibsaniiru.

Humna namaa cimsuuf naannoon Oromiyaa leenjiiwwan addaddaa kennaa jiraachuu eeraniiru.

Waltajjii guyyaa tokkoof adeemsifame kana irratti hariiroo ummattoota naannolee lamaaniirratti waraqaan qorannoo dhihaatee mariin kan taasifame yoo ta’u, hooggantoonno olaanoo naannolee lamaanii, jaarsoliin biyyaa,abbootiin amantaa fi kutaaleen hawaasaa kanneen biroon hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015