Tirasti Fandiin Dayaaspooraa Itiyoophiyaa Miseensota Boordii Daayirekterootaa Ifa Taasise

57

Caamsaa 12/2011 Tirasti fandiin dayaaspooraa Itiyoophiyaa jalqabaa miseensota boordii daayirekterootaa ifa taasisuu isaa waajjirri ministeera muummee beeksise.

Boordii daayirektaroota tirasti fandii Itiyoophiyaa, qajeelfama walii gala fandichaa,tarsiimoo, hordoffii fi itti gaafatamummaa kan bulchu/ hoogganu tirasti fandiin dayaaspooraa Itiyoophiyaa mataasaati.

Hojiiwwan kanaan Tirasti fandii dayaaspooraa Itiyoophiyaa keessaa adda ba’anii kan beekamanii fi deeggarsa pirojektoota mirkaneeffaman ni qorata, ni raggaasisa.

Kanumaan lammiileen Itiyoophiyaa biyyaa alaa 11 keessa jiraatan, waldaaleen siviilii fi bakka bu’oonni mootummaa Itiyoophiyaa kan keessa jiran boordiin kun ifa taasifameera.

1. Tirasti fandii dayaaspooraa Itiyoophiyaa miseensonni gorsitootaa shan lammiilee Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan:

2. Dubartoota keessaa sadii: dargaggootaa fi miseensota jiraattota Itiyoophiyaatii ba’an bakka bu’oota waldaa siiviilii fi:

  • Bakka bu’oonni mootummaa sadii keessatti argamu.

Haala kanaan Miseensonni boordii daayirektaroota tirasti fandii Itiyoophiyaa kanneen armaan gadiiti.

1. Sirgut Yaadataa: garee Looyid baankii

2. Doktor Mihirat Maandafiroo:Tiruuz eldii fi Televezinii Qaanaa

3. Charinnat Dabalee: Tiraaviilii kiyyaa fi biizinasii

4. Yohaannis Asaffaa: 'USID'

5. Doktor Abdulwaahab Ibiraahim Abudaabii

6. Sister Zabiidaar Zawudee: meeriijoyii Itiyoophiyaa

7. Bakka bu’oonni dargaggoota Itiyoophiyaa ilaalamee kan murtaa’u ta’a

8. Iyyasuus warqii zaafuu: Baankii gamtaa

9. Salaamaawwit Daawwit: Ejensii dayaaspooraa Itiyoophiyaa

10. Hiruui Zammanaa: waajjira ministeera dhimma alaa

11. Bileen Maammoo: waajjira ministeera deeggarsa maallaqaa fi dinagdee

Walitti qabaa fi itti aanaan boordichaa akkasumas miseensonni koreewwan garaagaraa ni filatama jedhameera.

Lammiileen Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan misooma hawaasummaa fi dinagdeen hirmaannaa si’ataa taasisuun dirqama lammummaa isaanii akka ba’aniif kaka’umsa muummicha ministiraa doktor Abiyyi Ahimadiin Tirsati fandiin dayaasporaa Itiyoophiyaa naannoo waggaa kanaa dhaabbachuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015