Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Duula Qulqullinaa Adeemsisan

68

Finfinnee Caamsaa  11/2011 Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee itti gaafatamtoonni mootummaa olaanoon ganamarraa jalqabanii Finfinneetti duula qulqullinaa adeemsisaniiru.

Barii sa'aatii 12:30  irraa kaasee duula qulqullinaa lammaffaa akka guutuu biyyaatti adeemsifame ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi giiftii duree adde Zinnaash Taayyaachoo mooraa ministeera Innoveeshinii fi Teekinooloojiitti kan argaman sa'atii jedhame dursaniitu.

Ministirri Innoveeshinii fi Teekinooloojii Dr. Injiinar Geetaahuun Makuraa fi hojjettoonni dhaabbatichaa ministira muummee waliin ta'uun naannawa kana qulqulleessaa turaniiru.

Ministirri Innoveeshinii fi Teekinooloojii Dr. Injiinar Geetaahuun Makuraa duulli qulqullinaa kan yeroo tokkoo osoo hin taane itti fufiinsaan hojjetamuu kan qabu jijjiiramaa gaariif jalqaba ta'uu wayita kana ibsaniiru.

Ministirri muummee waajjira isaanii duraaniitti argamuudhaan duula qulqullinaa adeemsisuunsaanii hojjettoota waajjirichaa kan gammachiise ta'uus dubbataniiru.

Fuuldurattis hojjettoonni mana hojii ministeerichaa dhaabbataadhaan hojii qulqullinaa hojjechuuf qophaa'uusaanii mirkaneessaniiru.

Duulli qulqullinaa kun naannawa qulqulleessuurra darbee keessa ofii qulqulleessuufis faayidaa akka qabu dubbataniiru.

Duulli qulqullinaa naannawa mana hojii kanaatti adeemsifame hawaasni naannawa kanaa meeshaalee addaddaa qulqullinaaf qopheessuudhaan wal ta'uun qulqulleessaniiru.

Finfinneetti ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee itti gaafatamtoonni mootummaa olaanoo kanneen biroo akkasumas jiraattonni duula qulqullinaa kanarratti hirmaataniiru.

Waamicha ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhiheessan irratti hundaa'uudhaan duulli qulqullinaa guutuu biyyaa marsaa jalqabaa Ebla 6 bara 2011 adeemsifamuunsaa ni yaadatama.

Sagantaan qulqullinaa kun naannawoota xuraa'an harka keenyaan qulqulleessaa sammuu keenya jibbiinsa, haaloo fi hammeenyaan xuraa'e nageenya, dhiifamaa fi jaalalaan qulqulleessuuf boqonnaa haaraa kan itti bannu qulqullina naannoorra darbee baraa baratti kan cehu kaayyoo biyya jijjiiruu fi hawaasa ijaaruuti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015