Ruwaandaatti Gochi Sanyii Mancaasuu Kan Itti Raawwatame Waggaan 25ffaa Finfinneetti Yaadatame

103

Finfinnee Caamsaa 11/2019 Ruwaandaatti gochi sanyii mancaasuu kan itti raawwatame waggaan 25ffaa Finfinneetti har’a adeemsa miilaa taasifameen yaadatamee ooleera

Adeemsi miilaa kun Istaadiyeemii Finfinneerraa ka’uudhaan karaa tiyaatira biyyaalessaa, masaraaa mootummaa qaxxaamuruudhaan karaa addababayii Masqalaa naanna’uun Istaadiyeemii Finfinneetti xumurameera.

Adeemsa miilaa kanarratti da’eettaan ministira dhimma biyya alaa adde Hiruut Zammanee, Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Ruwaandaa Hoop Tumukundee Gaasaaturaa dabalatee bakka bu’oonni gamtaa Afriikaa fi jiraattonni magaalaa Finfinnee argamaniiru.

Wayita kana da’eettaan ministira dhimma alaa adde Hiruut haasawa taasisaniin waggaa 25 dura Rwaandaatti rakkoo wal caalmaa sanyiitiin guyyoota 100 keessatti ummanni miiliyoona tokkotti hiiqu kan itti dhumee fi rakkoo hammaataa keessa galanii akka ture yaadataniiru.

Lammiileen Ruwaandaa rakkoo hammaataa kanarraa barachuudhaan loogii sanyii fi wal jibbiinsarraa  ba’anii biyya jireenyaaf mijoofte uumuu danda’uusaanii dubbataniiru.

Ruwaandaarraa barumsa fudhachuudhaan hundi miira dhiifamaatiin waliin hojjetanii jiraachuu agarsiiftuu kanarraa barumsa fudhachuun akka danda’amu eeraniiru.

Biyyoonni sababa ddaddaatiin rakkoo keessa yoo galanis rakkoo keessaa ba’uu akka danda’an mudannoon Ruuwaandaa agarsiiftuu akka ta’e da’eettaan ministiraa kun ibsaniiru.

Itiyoophiyaanonnis waliif yaaduun fi waliin hojjechuun biyyasaanii guddisuu, jijjiiruu irratti akka tumsan ergaa dabarsaniiru.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Ruwaandaa Hoop Tumuukundee Gaasaaturaa mootummaan Itiyoophiyaa yaadannoon duguuggaan sanyii Ruwaandaatti raawwatame waggaan 25ffaa Finfinneetti akka kabajamu deeggarsa taasiseef galata dhiheessaniiru.

Biyyoonni Afriikaa rakkoo Ruwaandaa mudatee ture irraa barumsa fudhachuudhaan ardii Afriikaatti nageenyi akka bu’u hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 1994 Ruwaandaatti baatii Eblaatii amma walakkeessa Adoolessaatti duguuggaa sanyii adeemsifameen Tutsiin fi huutuun asis achis hinjenne miiliyoona tokko ta’an lubbuusaanii dhabuunsaanii ni yaadatama.