Miidhaa Qabeenyaa fi Bakka Jireenyaa Bineensota Bosonaarra Ga'aa Jiru Hir'isuuf Deeggarsa barbaachisa

93

Adaamaa Caamsaa  10 /2011  Miseensonni mana maree bakka bu'oota ummataa miidhaa qabeenyaa fi bakka jireenyaa bineensota bosonaarra ga'u hir'isuuf sochii taasisaa jiruuf deeggarsa akka taasisuuf abbaan taayitaa misoomaa fi eegumsa bineensota bosonaa gaafate.

Abbaan taayitichaa hooggantootaa fi miseensota koree dhaabbataa mana maree bakka bu'oota ummataa waliin Adaamaatti mari'ataa jira.

Daarektarri olaanaan abbaa taayitichaa obbo Kumarraa Waaqjiraa akka dubbatanitti, miidhaa bineensota bosonaa fi iddoo jireenyasaaniirra ga'aa jirurraa baraaruuf deeggarsi miseensotaa isa barbaachisa.

Miidhaa bineensotaa fi paarkiiwwan irra ga'aa jiru hir'isuuf miseensonni mana maree fi hooggantoonni koree dhaabbataa hojmaataa fi seerota fooyyessuudhaan akka gargaaran gaafataniiru

Miidhaawwan paarkiiwwan biyyaalessaa fi qabeenyarra ga'aa jiran keessaa adamoo seeraan alaa, lafa dheedichaa fi lafti qonnaa babal'achuunsaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Kanaanis paarkiiwwan bakka jireenyaa bineensota bosonaarratti balaan haphachuu irra marsaa jira kan jedhan daarektarri olaanaa, bineensonnii fi simbirroowwan miidhagoo haphachaa fi gara biyyoota ollaatti baqachaa akka jiran dubbataniiru.

Rakkoo qabeenya bineensota bosonaa fi paarkiiwwan irra ga'aa jiru bu'urarraa salphisuuf miseensonni hubannoo akka qabatan taasifamuunsaa sirriidha kan jedhan kan jedhan ammoo mana maree bakka bu'oota ummataatti da'eettaa ministiraa itti aanaa ittiwaamamaa mootummaa obbo Caalaa Lammiiti.

Daangaa paarkiiwwanii kabachiisuu, babal'achuu lafa dheedichaa fi qonnaa, qubannaa seeraan alaa fi adamoo hambisuuf deeggarsii fi hordoffiin akka taasifamus dubbataniiru.

Keesumaa gubaatii iddoo jireenyaa bineensota bosonaarra ga'u ittisuuf hawaasa naannawaa waliin bosonaa fi qabeenya uumamaarratti waliin akka hojjetamu ibsaniiru.

Miidhaan paarkiiwwanii fi bineensota bosonaa Itiyoophiyaarra ga'aa jiru sadarkaa yaaddessaarra ga'uunsaa qaamolee addaddaatiin ibsamaa turuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015