Ummanni Oromoo Itiyoophiyaanota Biroo Waliin Tokkummaasaa Cimsuu Qaba --- Obbo Shimallis Abdiisaa

70

Adamaa Caamsaa 9/2011Ummanni Oromoo Itiyoohiyaanota biroo waliin tokkumaasaa cimsee injifannoo gama siyaasaatiin argame misoomaanis dabaluu akka qabu itti aanaan pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa hubachiisan.

konfiransiin nageenyaa fi misoomaa godina Arsii fi bulchiinsa magaalaa Asallaa asallaatti wayita adeemsifametti obbo Shimallis akka jedhanitti humnoonni badii bu'aan isaanii jalaa tuqame naannicha keessatti iddoo hin qaban.

Ummanni hunda caalaa waliin jireenyasaa eegee jijjiirama naannichatti akkasumas biyyattiitti eegalame akka itti fufu dandeessisuutu irraa eegama.

Ummanni Oromoo Itiyoophiyaanota biroo naannicga keessa jiraatan waliin tokkummaasaa caalaatti cimsuudhaan injifannoo gama siyaasaatiin argame gama dinagdeetiin dabaluu akka qabu hubachiisaniiru.

Ummanni Oromoo duudhaa sirna Gadaa qabu eegee Itiyoophiyaanota biroo waliin nageenyaa fi misoomaaf hojjechuu qaba jedhaniiru.

Hawaasicha amantaan adda baasuu fi tokkummaasaa dadhabsiisuuf yaaliin dhaadhessitoonni taasisan tokkummaa fi wal ta'insa ummataatiin fashaluusaa itti aanaan pirezidaantii ibsaniiru.

Hojii ijaarsaa manneen amantaa fi dhaabbilee ummataaf ooluuf lafa kennuuf itti gaafatama kan qabu mootummaa qofa akka ta'e beeksisaniiru.

Mootummaan naannichaa gaaffii nageenyaa, misoomaa fi demokiraasii ummataa sadarkaadhaan deebisuuf humna guutuudhaan hojjechaa akka jiru himaniiru.

Hooggantoonni amantaa kiristaanaa fi islaamummaa harka wal qabatanii tokkummaa, wal danda'uu fi wal kabajuu ummattootaaf hojjechuu akka qaban eeraniiru.

Hirmaattonni konfiransichaa gamasaaniitiin, qaamoleen ummata miidhanii badii raawwatan adda ba'anii seeratti akka dhihaatan gaafataniiru.

Amantaa daheeffachuudhaan gareewwanii fi namoonni dhuunfaa siyaasa shiraa adeemsisan karaa kiristinnaas ta'e islaamummaa iddoo akka hin qabne dubbataniiru.

Qaamoleen ummata walitti buusanii fi jeeqan gochasaaniirraa of qusachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Mootummaan gaaffii misoomaa ummanni kaasu keessumaa ammoo rakkoo hojii dhabdummaa dargaggootaa hiikuu fi dhabamuun bulchiinsa gaarii akka sirraa'u xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu agarsiisaniiru.

Kutaaleen hawaasaa aanaalee godina Arsii fi bulchiinsa magaalaa Asallaarraa konfaransicharratti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015