Sochiin Qulqullina Finfinnee Cimee Akka Itti Fufu Ga’ee Keenya Ni Baana--- Jiraattota

55

Caamsaa 9/2011 Qulqullinni Finfinnee cimee akka itti fufu waan irraa barbaadamu hojjechuuf qophaa’uu isaanii jiraattonni ibsan.

Sochiin qulqullinaa Finfinneetti eegalame itti fufiinsa akka qabaatu ga’eesaanii akka ba’an jiraattonni Finfinnee tajaahjilli oduu Itiyoophiyaa haasofsiise ibsan.

Pirojektoonni Turanii fi haaraa mootummaan jalqabe jijjiirama bu’uraa ni fidu jedhanii akka amanan dubbataniiru.

 Kanaaf wayita ammaa hojiin magaalattii qulqulleessuu fi miidhagsuu amma mul’atu jijjiirama jalqabame waliin bu’a qabeessa akka ta’u akka amananis ibsaniiru.

Hawaasni qulqullina aadaa godhatee akka itti fufu gochuuf hojiiwwan hubannoo uumuu cimanii akka itti fufan gaafataniiru.

Hojiin Finfinnee qulqulleessuu kan mootummaa qofa miti, hundi ga’ee mataasaa ba’uu qaba, kanas aadaa godhachuu barbaachisa kan jedhe ammo dargaggoo Sisaayi Diiyaati.

Magaalattiin dippiloomaatota biyyoota alaa dabalatee namoota hedduuf bakka jireenyaa waan taateef hundi wal ta’ee naannawasaa qulqulleessuu yoo danda’e jijjiiramni yaadame akka dhufu namoonni hedduun ni amanu.

Finfinneetti kan arganne jiraataan magaalaa Hawaasaa obbo Malkaamuu Tashoomaa gamasaaniitiin, jiraataan qulqullina hojiisaa guyya guyyaa akka taasisu gorsaniiru.

Kanaaf jiraataan Finfinnee qulqullina eeguun gammachuu fi qabeenya dhuunfaa taasisee fudhachuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015