Haromsa Pilaanii Caasawaa Magaalaa Amboo Irratti Mareen Geggeeffame

164

Caamsaa, 9/2011- Haaroomsi Pilaanii Caasawaa walta’iinsa bulchiinsa magaalaa Amboo fi Inistiitiyutii Pilaanii mgaalota Oromiyaatiin Pilaanii magaalattiin waggoottan kudhan itti aananiif ittiin hoogganamtu qoratamaa tureera.

Qorannoowwan qoratamanis sadarkaa naannoo magaalaa fi Sadarkaa magaalatti dhimmoota hawaas-dinagdee, seenaa magaalaa keessattu bakkeewwan eegamuu fi kunuunfamu qaban kanneen akka Hora Amboo, Hora Sanqallee, Qilxuu kussoo,Burqaa Caancoo teessuma lafa magaalaa fi tajaajila mana qopheessaa, eegumsa naannoo fi bu’uuraaleen misoomaa keessatti kan haammatamanii fi wixineen itti fayyadama lafa waliigalaa Hektaara kuma 8,558.35 haammatee qophaa’ee ogeeyyii Inistitiyuutii Pilaanii magaalota Oromiyaatiin hirmaattotaa dhihaataniiru.

Hirmaattonnis gama isaaniin yaada kennaniin, pilaaniin guddina magaalaatiif murteessaa waan ta’eef wixineen qophaa’ee dhihaachuun isaa gaarii ta’ee dhimmoota akka laga magaalaa qaxxamuru akkataa itti kunuunfamu danda’uu fi akkataa hawwata tuuriizimiif ooluu danda’uu, daandiileen magaalatti keessa jiraniif xiyyeeffannaa kennuu, facaatiin manneen barnootaa kallattii tokko qofaarratti baay’atee waan jiruuf kallattii hundaan faca’uu akka qabu, bakkeewwan Industiriif oolaan dabalanii qabamuu akka qaban fi kanneen biroo irratti yaadaa fi gaaffii kaasanii hojiirra oolmaa isaafis gahee isaanii akka ba’an himaniiru.

Kantiibaan magaalaa Amboo obbo Tarrafaa Badhaadhaa gama isaaniitiin Pilaaniin magaalaa seeraa waan ta’eef akka magaalaatti Pilaanii qophaa’ee hojiirra oolchuun magaalaa fayyisuufi egeree guddina magalaaf tumsuu yoo ta’u hojiirra oolchuu dhabuun magaalaa ajjeesuu ta’uun beekamee geggeessaan sadarkaa garaa garaatti jiru gahee isarraa eegamu bahuu qaba jedhaniiru.

I/A Daayirekteera ol'aanaa Inistiitiyutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa Obbo Ahimadtoofiq Mahaammad gama isaaniin yaadaa fi gaaffilee ka’an akka galteetti kan fudhatamu ta’ee geggeessaan maree kanarratti argame keessoo magaalaa sirriitti waan beekuuf akkaataa yaada kenne kanaan hojiirraa oolmaasaaf gumaachuu akka qabuu fi Inistiitiyutiin Pilaanii magaalota Oromiyaas deeggarsa oogummaa kan taasisu ta’uu himaniiru jechuun kan gabaase biiroo dhimmoota kominikeeshinii mootommaa naannoo Oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015