Liigiin Daayimandii Boru Shangaayitti Adeemsifama

61

Finfinnee Caamsaa 9/2011 Dorgommii 2ffaan liigii daayimandii bara 2019 A.L.I boru Chaayinaa magaalaa Shangaayitti adeemsifama.

Dorgommiin jalqabaa liigii daayimandii Bitootessa 25,2011 A.L.I Kuwaatar magaalaa Dohaatti adeemsifamuun isaa kan yaadatamudha.

Boru Shangaayitti kan adeemsifamu dorgommii 2ffaa kanarratti atileetonni Itiyoophiyaa fageenya garaagaraarratti ni hirmaatu.

Meetira kuma 5n atileetota dhiirotaan Salamoon Baareggaa, Hagos Gabrahiwoot, Yoomiif Qajeelchaa, Xilaahuun Hayilee, Mogas Xumaayii fi Nibiret Malaak ni hirmaatu.

Meetira kuma 1 fi 500n atileetota dubartootaan Aksumaayit Ambaayee, Daawit Siyyum, Gudaaf Tseggaayii fi Almaaz Saamu’eel yoo ta’an, meetira kuma 3 gufachiisaan  immoo Wayinisheet Aansaa ni hirmaatti.

Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii hirmaatan irratti dabalataan kan biroon dorgommiiwwan fiigichaa fi dirree boru Shangaayitti kan adeemsifamu dorgommii liigii daayimandii ti.

Dorgommiin liigii marsaa 3ffaa bara 2019 A.L.A Iswiidin Istookholmitti Caamsaa 22 bara 2011A.L.I ni adeemsifama.

Ardiiwwan Isiyaa, Afriikaa, Awurooppaa fi Ameerikaa kaabaatti  argaman magaalota 14 kan adeemsifamu dorgommiin liigii daayimandii Qaam’ee 1 bara 2011 A.L.I Beeljiyeem Biraasilisitti xumura argata.

Waldaan federeeshinoota atileetiksii guutuu addunyaa dorgommiin liigii daayidandii baranaa walii galaan badhaasni Doolaara miiliyoona 3 tuqaa 2 qophaa’uu isaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015