Magaalaa Walaayittaa Sooddootti Hiriirri Nagaa Adeemsifamame

51

Caamsaa 9/2011 Jijjiirama dhufe deeggaruudhaan hiriirri nagaa gaaffiin misoomaa irratti ka’e magaalaa Walaayittaa Sooddootti adeemsifame.Hirmaattonni dhaadannoo dhageessisaniin jijjiirama akka biyyaatti jalqabame deeggaruudhaan adeemsi amma jiru gonkumaa gufachuu akka hin qabne hubachiisaniiru.

Ergaawwan fayyadamni misoomaa haqa qabeessi haa mirkanaa’u, gaaffiin naannoo ta’uu godina Walaayittaa deebii haa argatu, miidhaa fi buqqa’uun saba irratti bu’uureffate haa dhaabbatu jedhan darbaniiru.

Hiriira kanarratti kutaaleen hawaasaa addaddaa hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015