Gobbaatti Dargaggoonni Damee Intarpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaatiin Gurmaa’n Bu’a Qabeessa Ta’uusaanii Yoo Ibsan, Kanneen Gaasaraa Haalli Nuuf Hin Mijoofne Jedhan

99

Gobbaa Caamsaa  8 /2011 Godina Baalee aanaa Gobbaatti dargaggoonni dame intarpiraayizii maayikiroo fi xixiqqaa irratti gurmaa’an bu’a qabeessa ta’uusaanii yoo ibsan, dargaggoonni aanaa Gaasaraa deeggarsi liqaa fi iddoo hojii waan hin taasifamneef fayyadamoo hin taane jedhu.

Godinichatti waajjirri misooma intarpiraayizii fi industirii gamasaatiin barana dargaggoota kuma 28 ta’an hojiitti galchullee, liqii deebisiisuurratti gufuu akka itti ta’e ibseera.

Dargaggoonni aanaa Gobbaatti gurmaa’an bu’a qabeessa ta’uudhaan liqaasaanii yeroodhaan deebisaa akka jiran beeksisaniiru.

Dargaggoota aanaa Gobbaa keessaa Wasanyelleh Nigaatuu akka ibsetti, kaappitaala ka’umsaa dhaabbata liqii fi qusannoo Oromiyaarraa fudhatan liqaa birrii kuma 45 hiriyootasaa 5 waliin fudhataniin  oomisha bilookeettiirratti bobba’uudhaan kaappitaala birrii miiliyoona tokkotti hiiqu akka horatan dubbateera.

Abeel Mulugeetaa ammoo fandii liqii marmaartuu mootummaan mijeesseefitti fayyadamuudhaan lukkuu horsiisuudhaan of akka danda’ee fi dargaggoota biroofis carraa hojii kan yeroo akka uume dubbata.

Liqii keenya yeroodhaan deebisuudhaan itti gaafatama keenya ba’aa jirra jedheera.

Deeggarsaa liqaa fi iddoo hojii waan hin arganneef hijiitti galuu akka hin dandeenye godinichatti dargaggoonni aanaa Gaasaraa komataniiru.

Dargaggoota aanichaa keessaa Hasan Idriis yaada kenneen waggaa tokko dura hiriyyootasaa shan  waliin ulaagaa guutanii gurmaa’anis, tajaajila liqii waan hin arganneef hojii eegaluu akka hin dandeenye dubbateera.

“Rakkoo kana ilaalchisuun aanaa irraa amma godinaatti qaamolee dhimmi ilaaluuf beeksifnus furmaata waan hin arganneef maxxantummaa maatiirraa ba’uu hin dandeenye jedheera.

 Dhaabbata liqii fi qusannoo Oromiyaa godina Baaleetti itti gaafatamaan waajjiraa obbo Dafoo Umaroo deebii kennaniin dhiheessii liqii waliin wal qabatee komiin dargaggoonni kaasan sirrii ta’uu ibsaniiru.

Rakkoon kun kan uumame dhaabbanni kun waggoota darban fandiin marmaaartuun maamiltootaaf liqeesse yeroon waan hin deebineef liqii amma barbaachisu tamaasuu akka hin dandeenye ibsaniiru.

Waggoota darban waldaa kuma tokko caalan jalatti waldaalee gurmaa’aniif birrii miiliyoona 30 kenname keessaa amma ammaatti kan deebi’e birrii miiliyoona 12 qofa akka ta’e addeessaniiru.

Haalli kun dhaabbanni kun liqii kennuuf human isa dhabsiisaa jiraachuurra darbee dargaggoota liqii barbaadanirratti dhiibbaa geessisaa akka jiru beeksisaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira misooma intarpiraayizootaa fi industirii godinichaa obbo Caalchisaa Zawudee akka ibsanitti baatiiwwan 9 darban dargaggoonni kuma 28 ta’an dhaabbataa fi yeroon hojiitti galaniiru.

Dargaggoonni hojii qonnaatti galan hanqina kaappitaala ka’umsaa qaban hiikuuf liqii birriin miiliyoona 12 fi lafti heektaara kuma 1 fi 200 mijaa’uuaa dubbataniiru.

Fandii liqii marmaartuu waliin wal qabatee komiin dargaggoonni kaasan karoora bara haaraa keessa galchuudhaan karaa qoratameen deebisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.

Godinichatti aanaalee 18 keessatti dargaggoonni irra caalaa dameewwan qonnaa, horsiisa lukkuu, hojii mukaa fi sibiilaa, daldala loonii fi loon gabbisuu irratti kan bobba’an yoo ta’u, waggoota lamaan darban liqiin birriin miiliyoona 110 ol raabsamuusa odeeffannoon waajjiricharraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015