Kilaboonni Shaampiyoona Teenisii Minjaala Itiyoophiyaa Itti Fufee jira

114

Finfinnee Caamsaa 7/2011 Dheengadda kan jalqabame marsaa 2ffaan  bara 2011 A.L.I Kilaboota shaampiyoona Teenisii minjaala Itiyoophiyaa

oolmaa isaa guyyaa 2ffaan dorgommiin garee marsaa calalliin taphoota garaagaraa taasifameera.

Ijoollee dubaraan Baankiin daldala Itiyoophiyaa Itiyoo elektirikii 3 fi 2n, Itiyoo elektirikii kutaa magaalaa yekkaa 3 fi 0n, Baankiin daldala Itiyoophiyaa Akkaadaamii ispoortii dargaggoota Itiyoophiyaa lakkoofsa lama waliin  3 fi 1n mo’ateera.

Ga’eessota dhiirotaan Poolisiin Oromiyaa Maamaas Kichinii, Baankiin daldala Itiyoophiyaa Itiyoo elektirikii 3 fi 2n mo’ateera.

Akkasumas ijoollee dhiiraan Poolisiin Oromiyaa Baankii daldala Itiyoophiyaa 3 fi 2 mo’ate.

Kilaboota Itiyoophiyaatti shaampiyoonni Teenisii minjaalaa oolmaa isaa har’aa guyyaa 3ffaa ijoollee dhiirotaa fi dubarootaan xumurri walakkaa ga’eessa dhiirotaan taphni calallii ni adeemsifama.

Ijoollee dhiirotaan Poolisiin Oromiyaa Akkaadaamii ispoortii dargaggoota Itiyoophiyaa lakkoofsa lama wajjiin, Baankiin daldala Itiyoophiyaa Itiyoo elektirikii wajjiin ni taphatu.

Dabalataan ijoollee dubarootaan Poolisiin Oromiyaa Itiyoo elektirikii waliin, Baankiin daldala Itiyoophiyaa Akkaadaamii ispoortii dargaggoota Itiyoophiyaa lakkoofsa lama waliin kan taphatan yoo ta’u, ga’eessa dhiirotaan Maamaas Kiichin Baankii daldala Itiyoophiyaa, Poolisiin Oromiyaa Itiyoo elektirikii waliin ni taphatu.

Walumaagalaan kilabiin shaampiyoona kanaan mo’atu Adoolessa 24 hanga 26 bara 2011 A.L.I Naayijeeriyaa  magaalaa Loogositti kan adeemsifamu kilaboonni shaampiyoonaa Teenisii minjaala Afriikaa 25ffaa Itiyoophiyaa bakka bu’uun akka hirmaatu federeeshinii Teenisii minjaala Itiyoophiyaarraa odeeffannoon argame ni agarsiisa.

Baankiin daldala Itiyoophiyaa, Itiyoo elektirikii, Poolisii Oromiyaa, kutaa magaalaa yekkaa, Akkaadaamii ispoortii dargaggoota Itiyoophiyaa fi waldaa kiristiyaanawaa ijoollee dhiirotaa shaampiyoonicharratti koorniyaa lamaaniinuu kilaboota hirmaataa jiranidha.

Shaampiyoonicharratti dhiirota 46 fi dubartoota 34 ida’amaan ispoorteessitoonni 80 ni hirmaatu.

Marsaa 2ffaan bara 2011 A.L.I kilaboonni shaampiyoona Teenisii minjaala Itiyoophiyaa hanga Caamsaa 11 bara 2011A.L.I ni tura.

Amajjii 27 hanga Guraandhala 3 bara 2011 A.L.I magaalaa Jimmaatti kan adeemsifame taphni bara 2011 A.L.I marsaan jalqabaa kilaboonni shaampiyoona Teenisii minjaala Itiyoophiyaa koorniyaa lamaaniinuu Baankii daldala Itiyoophiyaatu mo’ate.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015