Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Muudamoota addaddaa Raggaase

52

Caamsaa 8/2011 Manni mree bakka bu’oota ummataa muudama walitti qabaa fi itti aanaa walitti qabaa komishinii daangaa bulchiinsaa fi dhimmoota eenyummaa fi araara nageeny dhihaateef ilaalee raggaaseera.

Manni marichaa muudama kana kan raggaase waggaa 4ffaa  yaa’ii idilee 39ffaa har’a adeemsiseeni.

Haala kanaan manni marichaa Dr. Xaasoo Gabree walitti qabaa komishinii daangaa bulchiinsaa fi eenyummaa, akkasumas Uztaaz Abubakar Ahimad itti aanaa walitti qabaa taasisuun muudeera.

Muudamni kun kan ragga’e mormii 25 sagalee caalmaani.

Haala wal fakkaatuun manni mare kun kanaan dura ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhiheessanii kan muudaman  muudama walitti qabaan komishinii araara nageenyaa qulqulluu Kaardinaalaa Biraaneyyasuus Suraafeelii fi Itti aantuu walitti qabduu Yetnabbarshi Nugusee mormii 4 fi sagalee caalmaadhaan raggaasiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015