Koreen Hojii Raawwachiistuu ADWUI Guyyaa Har'aa Walga'ii Isaa Ni Gaggeessa

76

Caamsaa 8/2011 Koreen hojii raawwachiistuu Adda Demokraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) har'a walga'iisaa ni gaggeessa.

Nageenya biyyoolessaa fi dhimmoota haala yeroo irratti akka xiyyeeffatus beekamee jira.

Koreen hojii raawwachiistuu kunis sanada mariidhaaf qophaa'erratti erga mari'atee booda kallattii gara fuula duraa ni kaa'a jedhameetu eegama.

Korichi waltajjii dhiyeenya gaggeessee tureen yeroo gabaabaatti walargee hojiilee qorachuun kallattii akka kaa'u walii galuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015