Sudaan Waggoota Sadiif Bulchiinsa Cehumsaatiin Akka gaggeeffamtu Waliigalteerra Ga'ame

69

Caamsaa 7/2011 Waraanni Sudaanii fi mormitoonni biyyattiin waggoota sadiif bulchiinsa cehumsaatiin akka gaggeeffamtu walii galan.

Manni maree cehumsaas sa'aatii 24 keessatti ifa akka taasifamu eerameera.

Waggoota sadii booda bulchiinsi cehumsaa aaggoosaa guutumaa guutuutti bulchiinsa siviiliif akka kennu walii galteerra ga'aniiru.

Bakka bu'aan humna loltummaa Letenaanti Jeneraal Yaaseer Al Ataa ibsa kennaniin, aangoo bara cehumsaa qooddachuu dabalatee walii galteewwan guutuun kanneen biroo sa'aatii 24 keessatti hoggantoota mormitootaa waliin akka mallatteessan eeraniiru.

Mana maree yeroo cehumsaa murteessu, manni maree seera baasuu fi gurmaa'insa mootummaa cehumsaa irratti walii galtee irra ga'an ummataaf ifa akka taasisan kan dubbatan ammoo dubbi himaa mormitootaa Saateyaa Al Haajiiti.

Miseensota 300 kan qabu manni maree cehumsaa seera baasu kan hundaa'u yoo ta'u kootaa dhibbantaa 67 qindoominni bilisummaa fi jijjiiramaa mormitootaa ni fudhatu jedhameera.

Kootaa isa hafe ammoo humnoonni siyaasaa addaddaa akka qabatan eeraniiru.

Baatiiwwan jahan jalqabaa yeroo cehumsaatti Finciltoota naannawoota kutaa waraanaa biyyattiitti argaman waliin walii galteen nageenyaa akka adeemsifamu eeraniiru.

Wixata darbe mormitoonnii fi humni loltummaa walitti bu'iinsa uumaniin namoonni 5 kan du'an yoo ta'u, hedduun madaa'aniiru.

Waraanni Sudaan Albashiiriin aangoorraa erga buusee booda mana maree cehumsaa loltummaa hundeessuudhaan biyyattii hoogganaa tureera.

Madda: Aljaziiraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015