Hariiroon Itiyoo-Keeniyaa Bu'a Qabeessa Akka Ta'e Ibsame

56

Caamsaa 7 /2011 Michummaa Itiyoo-keeniyaa cimsuuf  lammiileen gumaacha taasisuu qabu jechuun pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee dubbatan.

Pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee  hariiroon itiyoophiyaa fi Keeniya jidduu jiru haala gaariirra kan jiru ta'uusaa ibsaniiru.

Pirezidaanti Saahilawarqi kaleessa Keeniyaa wayita daawwatanitti lammiilee Itiyoophiyaa Keeniyaa jiraatan waliin marii taasisaniin michoomni kun akka cimu lammiileen gumaachasaanii ba'uu qabu jedhaniiru.

Pirezidaanti Saahilawarqi Itiyoophiyaan jalqabbii jijjiiramaa gaariirra akka jirtu dubbatanii, biyya gargaaruuf deeggarsi xiqqaa jedhamu, gumaachi guddaa jedhamu akka hin jirre eeraniiru.

Itiyoophiyaatti hojii fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessu hojjechuu fi iddoo isaanii akka argatan taasisuuf gumaacha isaanii akka taasisan pirezidaantittiin dubbataniiru.

Pirezidaanti Saahilawarqi dursa pirezidaanti Uhuruu Keeniyaattaa waliin marii taasisaniin Itiyoophiyaan michoomni Keeniyaa waliin qabdu caalaatti akka cimu Itiyoophiyaan fedhii cimaa akka qabdu ibsuunsaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015