Naannoon Oromiyaa Karoora Addaatiin Dargaggoota Miiliyoona Walakkaaf Carraa Hojii Akka Uumu Beeksise - ENA Afaan Oromoo
Naannoon Oromiyaa Karoora Addaatiin Dargaggoota Miiliyoona Walakkaaf Carraa Hojii Akka Uumu Beeksise
Caamsaa 7/2011 Naannoon Oromiyaa akkaataa karoora addaatiin የbaatii lama keessatti dargaggoota miiliyoona walakkaaf carraa hojii uumuuf sochii qabatamaa keessa seenuusaa biiroon komunikeeshinii naannichaa beeksise.
Naannichi carraa hojii kan uumu birrii biiliyoona 3.5n yoo ta’u, gosni hojii dargaggoonni irratti bobba’an, hirmaannaa fi itti fayyadama guddina dinagdee hunda qabeessaa irratti yaada waliinii akka qabatan waltajjiin hubannoo uumu adeemsifamaa akka jiru ibsameera.
Itti gaafatamaan biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Admaasuu Daamxoo carraa hojii fi itti fayyadama dinagdee naannichaan dargaggootaaf taasifamaa jiru ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Akka ibsa obbo Admaasuutti, mootummaan naannichaa Oromiyaa haqummaan dinagdee keessatti mirkanaa’e uumuu fi carraa hojii dargaggootaa bal’isuuf karoora addaatiin hojjechaa jira.
Keessumaa dargaggoota dameewwan hojii addaddaatiin dhaabbilee barnootaa olaanoo irraa eebbifamanii ba’an beekumsa isaaniitiin of fayyadanii guddina naannichaaf gumaacha akka taasisan carraa hojii kana keessatti bal’inaan akka makaman ibsaniiru.
Carraa hojii ilaalchisee dargaggoonni hubannoo ga’aa akka qabaatan kaleessaa eegalee waltajjiiwwan hubannoo uuman adeemsifamaa akka jiran itti gaafatamaan kun ibsaniiru
Dargaggoonni kunneen ogummaa maanuufaakchariingii fi qonnaatiin akkasumas gosa hojii biroo irratti kan makaman yoo ta’u, iddoowwan hojii fi gurgurtaa akka kennamuuf obbo Admaasuun ibsaniiru.
Mootummaan naannichaa idileedhaan baatiiwwan 9 darban dargaggoo naannichaa fayyadamtoota carraa hojii taasisuuf xiyyeeffannoo kennee kan hojjete yoo ta’u, kanaanis dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuusaas yaadataniiru.