Godina Ilu abbaaboritti oomishaa fi omishtummaa Bunaa guddisuuf lafa leekataara kuma 19 irraa binni gamashamaa jira.

93

Amajji, 28/2015(TOI) Qonnaan bultoonni Godina Iluu abbaa boor omishaa fi oomishtummaa bunaa guddisuuf biqiltuu bunaa haaraa dhaabuufi kan dulloome gamashuuf xiyyeeffannoo kennanii hojjechaa jiru.

Waajjirri Qonna Godinichaa akka beeksiseetti bara kana lafa heektaara kuma 19 irratti biqiltuuwwan bunaa dullomaan biqiltuu haaraan bakka buusuuufi kan gamashamuu qaban immoo gamashuun oomishaafi oomishitummaa bunaa dabaluuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu beeksiseera.

Kana keessaas lafa heektaara kuma 14 irratti kan argamu kan gamashame yoo ta'u lafa heektaara kuma 5 irraa immoo buqqisuun biqiltuu bunaa haaraan bakka buufamuu wajjirichii beeksiseera.

Kaayyoon guddaan hojii kanaas oomishaafi oomishitummaa dabaluufidha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015