Miseensonni paartii badhaadhinaa bakka bu’anii dorgomanii fi hoggantoonni waajjira muummee paartichaa raawwii baatii jahaa mootummaarratti mari’achaa jiru.

81

Amajjii 27/ 2015 (TOI) - Miseensonni paartii badhaadhinaa bakka bu’anii dorgomanii fi hoggantoonni waajjira muummee paartichaa raawwii baatii jahaa mootummaarratti mari’achuu jalqabaniiru.

Pirezidaantiin itti aanaa paartichaa Ob. Adam Faaraah waltajjicha kan jalqabsiisan yoo ta’u, mariin kun paartichi wayita filannoo maanifeestoosaatiin kan ifoomsee fi raawwiin dhimmoota ummataaf waadaa galee maalirra akka jiru adda baasuun raawwii fuuladuraa sadarkaa olaanaatti guddisuuf hojii hordoffii fi deeggarsaa bu’a qabeessa hojjechuun akka danda’amu haala mijaawaa uumuuf nigargaara jedhameera.

Gabaasni raawwiin mootummaa bara 2015 kan baatii jahaaministira pilaanii fi misoomaa doktar Fitsum Asaffaan dhihaateera.

Hojiiwwan baatii jaha darbanitti hojiiwwan hojjetaman ilaalchisuun mariin bal’aan akka adeemsifamu ni eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015