Baasii birrii biiliyoona 1 tuqaa 3’n kan gaafatu ijaarsi buufata Xiyyaaraa Mattuu-Goree jalqabame

147

Amajjii 27/2015(TOI) -  Baasii birrii biiliyoona 1 tuqaa 3’n kan gaafatu ijaarsi buufata Xiyyaaraa Mattuu-Goree jalqabame

Ijaarsi buufata Xiyyaaraa lafa heektaara 166 irratti taasifamu kun waggoota sadii keessatti akka xumuramu ibsameera.

Hojii gaggeessaa olaanaan pirojektii ijaarsa buufata xayyaarichaa Ob. Masfin Canqoo ijaarsa kana yeroo kaa’ameef keessatti xumuruuf yaaliin barbaachisu hundi nitaasifama jedhaniiru.

Pirojektiin kun jiraattota naannawichaaf carraa hojii addaddaa akka uumu ibsaniiru.

Qaamoleen mootummaa fi hawaasni milkaa’ina hojii kanaaf gargaarsa barbaachisu akka taasisuuf hojii gaggeessaan kun waamicha dhiheessaniiru.

Bulchaan godina Iluu Abbaabooraa ob. Indaalkaachoo Tafarii gamasaaniin, buufanni xiyyaaraa kun hawaasa godinichaaf carraa guddaa fideetu dhufa jedhaniiru.

Qonnaan bulaaf carraa gabaa fiduudhaan, carraa bakka tuurizimii daawwachuu akka bal’atu gochuu fi faayidaawwan biroo akka argamsiisu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015