Qophiin Barnoota Seenaa Waggoota 7 Fixe Haqame

128

Finfinnee Caamsaa 7/2011 Kitaabni barnootaa siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee Itiyoophiyaa jiddu galeessa godhachuudhaan qophaa'aa ture haqamuusaa Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Ministeerichatti daayreektarri qophii sirna barnootaa fi hojiirra oolmaasaa obbo Isheetuu Asfaawu Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti akka himanitti, barnoonni seenaa amma laatamaa jiru siyaasa heddummaata.  

Qabiyyeen isaa odeessa seenaa siyaasaa muraasa kan hammatedha, hawaasummaa, diinagdee fi aadaa ummataa kan dagatedha jedhu.  

Kun ammoo barattoonni seenaa Itiyoophiyaa karaa hin taaneen akka hubatan taasiseera jedhan daayrektarichi.  

Waggoottan 7 darban kitaabota barnoota seenaa fooyyessuuf hojjetamaa tureera.  

Qophiin fooyyessichaa hayyootaan kan hojjetame ta'us, hayyoonni saboota muraasaa qabiyyee isaarratti waan walii galuu dadhabaniif haqameera.  

Kanaaf xiyyeeffannaa addaatiin irra deebiin fooyya'ee akka hojjetamu murtaa'eera.  

Dhaabata qo'annoo fi qorannoo Itiyoophiyaatti barsiisaa seenaa kan ta'an Tafarii Mokonnon akka jedhanitti biyyattii seenaa isheen qabduun addatti yaaduun hin danda'amu jedhaniiru.

Garuu akka carraa ta'ee barnoonni seenaa biyyattii keessatti dadhabaa dhufeeras jechuun dubbataniiru.

Yuunivarsiitii Meetiroopoolitaanii Kotobeetti barsiisaa seenaa kan ta'an doktar Almaawu Kiflee akka jedhanittis seenaan kan irraa baratan qofa ta'uu osoo qabuu ta'uu osoo hin danda'iin hafeera jedhaniiru.

Mootummaanis harka isaa seenaa keessa galcheeras jechuun dubbataniiru.  

Karaa biroo ammoo ummanni biyyattii kitaaba seenaa keessatti hin caqafamne gaafiin isaan kaasan sirrii dha jechuun, gara fuulduraatti garuu kun sirreeffamuu qaba jedhanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015