Miseensonni Koree Qindeessa Hojiirra Oolmaa Waliigaltee Nageenyaa Mootummaa Federaalaa fi ABUT yeroo jalqabaaf bakka doktar Abiy Ahimad argaanitti waliin mari’atan

122

Amajjii 26/2015(TOI)- Miseensonni Koree Qindeessa Hojiirra Oolmaa Waliigaltee Nageenyaa Mootummaa Federaalaafi ABUT yeroo jalqabaaf bakka doktar Abiy Ahimad argaanitti Hojiirra Oolmaa Waliigaltee Nageenyaa irratti waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin, hojiileen raawwii waliigaltichaa hanga ammaa gamaaggamamuufi dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti kallattiin kaa’amuu ibsameera.

Qindeessitoonni korichaa yeroo jalqabaaf fuulaa fuulatti Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad waliin kan wal argan qaama piroojektii “Maaddii Biyyaaf” kan ta’e Halaalaa Keellaatti ta’uu EBC'n gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015