Egzibiishinii, Baazaarii fi Siimpooziyeemiin guutuu magaalaa waldaalee hojii gamtaa 2ffaan torbee dhufu Finfinneetti taa’ama

77

Amajjii 26 bara 2015 (TOI)- Omishtootaa fi shamattoota kallattiin kan walitti fidu Egzibiishinii, Baazaarii fi Siimpooziyeemiin guutuu magaalaa 2ffaan torbee dhufu jiddugaleessa egzibiishiniitti akka adeemsifamu ejensiin waldaa hojii gamtaa magaalaa Finfinnee beeksise.

Ejensichi Egzibiishinii, Baazaarii fi Siimpooziyeemiin Guraandhala 1 amma 6 bara 2015tti adeemsifamu ilaalchisuun ibsa kenneera.

Daarektarri dhimmoota komunikeeshinii ejensichaa Xilaahuun Geetaachoo ibsa kennaniin, qophiin kun oomishtoota shamattootaan kallattiin kan walitti fiduu fi gabaa bal’aa kan uumudha.

Kaayyoon egzibiishinii fi Baazaarii kanaa waldaaleen hojii gamtaa oomishtootaa karaa bittaa fi gurgurtaa gabaabaa ta’een waldaalee hojii gamtaa shamattootaa waliin walitti hidhiinsa bittaa fi gurgurtaa itti fufiinsa qabu akka uuman dandeessisuu ta’uu ibsameera.

Waldaaleen hojii gamtaa 149 fidhaabbileen addaddaa 21 qophii kanarratti akka hirmaatan daarektarichi dubbataniiru.

Oomishoonni midhaanii kuntaala kuma 10 ol fi bu’aaleen beelladaa gatii madaalawaan nidhihaatu jedhasniiru.

Oomishtootaa fi waldaalee hojii gamtaa oomishtootaa jidduutti bittaa fi gurgurtaan oomishoota industirii qonnaa kuntaala kuma 30 ol kan raawwatamu yoo ta’u, kunis walitti hidhiinsa gabaa itti fufiinsa qabu ni uuma jedhaniiru.

Kana malees qaamoleen damee kanaa 250 caalan kan irratti hirmaatan siimpooziyeemiin kun Guraandhala 1 bara 2015 ni adeemsifama.

Itti fufuun Guraandhala 2 amma Guraandhala 6 bara 2015tti bittaa fi gurgurtaan ni adeemsifama.

Oomishoota industirii qonnaa baazaarii guyyoota walitti aanan shaniif adeemsifamu kana irratti dhihaatan jiraataan magaalaa Finfinnee daawwachuun akka shamatu waamicha dhiheessaniiru.

Egzibiishiniin, Baazaarii fi Siimpooziyeemiin kun mata duree ”waldaaleen hojii gamtaa guddina biyyaaf bu’ura ijaarsaati” jedhuun jiddugaleessa egzibiishiniitti adeemsifama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015