Naannoo Oromiyaatti Ijaarsa seeraan alaa ittisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jira

226

Amajjii 26, 2015 (TOI) – Naannoo Oromiyaatti ijaarsa seeraan alaa magaalotaa fi baadiyyaa ittisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Lafaa Oromiyaa beeksiise.

Biiroon Lafa Oromiyaa qooda fudhattoota waliin ta'uun ijaarsa seeraan alaa ittisuuf tarkaanfii garaagaraa fudhachaa turuu Biirachatti Daarektarri Daarektoreetii Hordoffii Hojiirra Oolmaa Karoora Itti Fayyadama Lafaa fi Wal Harkaa Fuudhinsa Daangaa Obbo Roobaa Dheeraa himaniiru.

Haaluma kanaan Baatiwwan jahaan darban tarkaanfii ijaarsa seeraan alaa irratti fudhatameen, magaalaa Shaggar dabalatee, Magaalota 15 keessatti manneen fi dallaa kuma 98 fi 118 seeraan ala ijaaraman diiguuf karoorfamee,Manneen fi dallaan kumni 90fi 166 diigamuu eeraniiru.

Lafti heektaarri 757 Baankii Lafaatti deebi'uu himaniiru.Akkasumas Godinaalee 20 keessattis manneen fi dallaa kuma 29fi 161seeraan ala ijaaraman diiguuf karoorfamee, manneen fi dallaan kumni 27fi 181 raawwatamuu dubbataniiru.

Lafti heektaarri 548 Baankii Lafaatti deebi'uus himaniiru.Yeroo ammaas teknooloojii ''Google Earth'' jedhamutti fayyadamuun Lafa ijaarsa seeraan alaa adda baasuun tarkaanfiin diiguu irratti fudhatamaa jiraachuu eeruu OBN gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015