Walgahiin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa damee turizimii irra deebiin si'aa jiru guddisuuf carraa guddaadha.

85

Amajji, 26/2015 Walgahiin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamuf jiru hojii damee turizimii waliigaltee nageenyaa booda deebi’ee si'ayaa jiru daran guddisuuf carraa kan uumu ta’uu abbootiin qabeenyaa hoteelotaa yaada TOI kennan himan.

Itoophiyaatti sochiin damee hojii turizimii sababa weerara koroonaa fi rakkoo nageenyaatiin laafee ture waliigaltee nageenyaa taasifameen booda deebi'ee bayyanachaa jira.

Abbootiin qabeenyaa hojii Hotelaarratti bo'aan kan TOI dubbise akka himanitti walgahiin hoggantoota Gamtaa Afrikaa Finfinneetti geggeeffamuuf jiru damicha daran guddisuuf carraa gaarii akka isaaniif uumuu himaniiru.

Keessummoota walgahicharratti hirmaatan kana karaa safuu Itoophiyaa eegeen simachuuf qophii isaanii xumuruu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015