Fedhii ummataa guutuuf Jijjiirama si’ataa jalqabame itti fufsiisuun bu’aa caaluuf hojjechuu qabna- kantiibaa Adaanech Abeebee

109

Amajjii 26/2015 (TOI) – fedhii fi gaaffiiwwan hawaasaa deebisuu fi imala jijjiiramaa si’ataa caalaatti itti fufsiisuun bu’aa caaluuf hojjechuu qabna jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanecha Abeebee hubachiisan.

Qorannoon raawwii hojii walakkaa jalqabaa kan waggaa bara 2015 miseensota kaabinee bulchiinsa magaalichaa xumuramuunis ibsameera.

Kantiibaa Adaanech fuula marsariitiisaaniirratti odeeffannoo barreessaniin “baatiiwwan jahan darban haalota rakkisoo keessa dabarrus hojiiwwan bu’a qabeessoo hedduu hojjechuu kan dandeenyee fi karoora keenya raawwachuuf ciminnii fi kaka’umsi kan nama jajjabeessuu fi abdii namaa kennu ta’uu kan itti arginedha” jedhaniiru.

Keessumaa hojiin riifoormii dhaabbilee kenniinsa tajaajilaarratti hojiiwwan bu’aa fidan hojjetamuusaanii eeranii, pirojektoonni gurguddoo sosochii dinagdee fi carraa hojii uumuun jijjiirama fidan raawwii gaariirra akka jiran qoranneerra jedhan.

Itti fufuunis fedhii fi gaaffiiwwan hawaasaa furuuf imalli jijjiiramaa si’ataa jalqabame itti fufsiisuuf saffisaa fi cimina  kan ammaa caalaa bu’aa caaluuf hojjechuu qabna jedhaniiru.

Hannaa fi hojmaata badaa kutannoon qabsaa’uun, dandeettii dhaabbatummaa cimsuun, hojiiwwan riifoormii hojjechuun fi humna raawwachiisummaa cimsuun hawaasaaf tajaajila fooyya’aa dhiheessuun akka barbaachisu kallattiin kaa’amuu eeraniiru.

Finfinnee miidhagduu fi jiraattotaaf kan mijattu, lammiilee galii xiqqaa qaban cimsitee kan deeggartu, wadeeggaruun kan keessatti mul’atu akka taatu yaaliin jalqabame ummata waliin ta’uun cimee akka itti fufu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015