Ji'oota jaha keessatti yaalii haleellaa saayibarii badii birrii biliyoona 15tti tilmaamu geesisuu danda'u fashaleessuun danda'ameera.

361

Amajji, 25/2015(TOI) - Bara bajataa kana baatii jaha keessatti yaalii haleellaa saayiberii taasifameen badii birrii biliyoona 15tti tilmamaamu silaa geesisuu kan danda'u fashaleessuu danda'uu Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo beeksise.

Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo OBBO Salamoon Sookaa raawwii hojii walakkaa waggaa dhaabbatichaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Bulchiisini nageenya Odeeffaannoo nageenya saayibariifi to’annnoo taasisuun hojimaata haaraafi tekinolojii ammayyaa fayyadamuun saaxilamummaa haleellaa Saayiberii hir’isuuf ciminaan hojjechaa jira jedhaniiru.

Keessaayyuu dhaabbilee haleellaa saayibariif saaxilamoo ta’aniifi haalawwanii fi taateewwan shakkisiisaa ta’an irratti hundaa’uun hordoffii fi to’annoo addaa gaggeessaafii jiraachuu ibsaniiru.

Walakkaa waggaa bara bajataa kanatti dhaabbilee mootummaa 27 fi dhaabbilee dhuunfaa 37 irratti yaaliin haleellaa saayibarii kuma 2 fi 145 raawwatamuu eeraniiru.

Kana keessaas haleellaa kuma 2 fi 49 fashaleessuun danda'amuu himanii, sababaa haleellaa kanaan kasaaraa birrii biliyoona 15 gahuuf ture hambisuu danda'amuu himaniiru.

Yakki yaalii haleellaa saayibariitii taasifamanis kan raawwataman marsariitii, haleellaa malware, sakatta’iinsa bu’uuraalee misoomaa, haleellaa bu’uuraalee tajaajila kennitoota, haleellaa 'hacking' fi daataa addaan kutuufaa akka ta'an himaniiru.

Dhaabbileen yakki haleellaa saayibarii irratti yaalame keessaa Nageenyaafi Tasgabbii, baankota, dhaabbilee faayinaansii, barnoota, dhaabbilee yaala fayyaa fi miidiyaalee akka ta’an Daarektarri Olaanaan kun himaniiru.

Haleellaan saayibarii yeroo adda addaatti yaalamaa ture kana osoo ittisuun hin danda'amne ta'ee miidhaan inni biyyarran geesisuu baay'ee guddaa ta'uu himaniiru.

Haleellaa kana ittisuun osoo hin danda'ame ta'ee odeeffannoo dhuunfaa namootaafi Dhaabbilee dhabamsiisuun mootummaafi qabeenya uummataarran balaan cimaa kan gesesaan ture jedhaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015