Itti gaafatama IGAD nutti kenne kabaja guddaan fudhannee nagaa fi tasgabbii naannichaaf nihojjenna-ambaasaaddaroota gaarummaa

102

Amajjii 25/2015(TOI) -  Itti gaafatama IGAD nutti kenne kabaja guddaan fudhannee nagaa fi tasgabbii naannichaaf  kutannoon nihojjenna jedhan ambaasaaddaroonni gaarummaa IGAD ibsan.

Barreessaan olaanaa IGAD doktar Warqinee Gabayyoo jijjiirama qilleensaa, deeggarsa namoomaa, eegumsa naannoo, nagaa fi nageenya irratti gumaacha olaanaa kan qaban namoota dhuunfaa 21f beekamtii ambaasaaddara gaarummaa kennuusaanii ibsaniiru.

Itiyoophiyaarraa komishinarii gargaartuu atileet Daraartuu Tulluu, Kumaalaa atileet Hailee G/Sillaassee fi Piroofeesar Ahimad Zakkaariyaaf beekamtiin kennameera.

Pirezidaantiin federeeshinii atileetiksii Itiyoophiyaa gargaartuu Komishinarii atileet Daraartuu Tulluu, beekamtiin IGADnuu kenne nageenyaa fi waliin jireenyarratti caalaa akka hojjennu kan nutaasisudha jetteetti.

Fuula duras naannichatti nagaa fi tasgabbiin akka bu’u akkasumas misoomnii fi badhaadhinni akka mirkanaa’u nihojjenna jechuun ibsiteetti.

Lammiin Keeniyaa IGAD beekamtii kenneef Meejer Jeneraal Joon Seeyi, gumaacha taasifneef beekamtii kan nuuf kenne IGAD nigalateeffanna, itti gaafatama caaluuf nihojjenna jechuun ibsaniiru.

IGAD maqaa biyyoonni naannichaa ittiin waamaman ta’uu qaba kan jedhan Meejer Jeneraal Joon Seeyi, qaamoleen waltajjiiwwan idil addunyaa addaddaarratti hirmaatan wayita injifatan biyyi irraa dhaqan mo’ate osoo hin ta’iin IGAD mo’ate jechuu qabu jedhaniiru.

Komishinarii gargaartuu atileet Daraartuu Tulluu, gamasheetiin, dhimmi nageenyaa hunda caalaa dursi kennamuufii kan qabu duudhaa dhala namaa ta’uu ibsiteetti.

Kanaaf dargaggoonni nageenya Afriikaaf rakkoolee jiran tasgabbaa’uun mariin hiikuuf muuxannoo akka gabbifatan ergaashee dabarsiteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015