Itiyoophiyaan yaa’ii hoggantootaa gamtaa Afriikaatiin fayyadamtuu tuurizimii Konfaransii akka taatu hoteelonnii fi daawwachiiftonni cimanii hojjechuu qabu- ministeera tuurizimii

66

Amajjii 25/2015 (TOI) - Itiyoophiyaan wagahii hoggantootaa gamtaa Afriikaatii 36’n fayyadamtuu tuurizimii Konfaransii akka taatu hoteelonnii fi daawwachiiftonni cimanii hojjechuu akka qaban ministeerri tuurizimii hubachiise.

Hoteelonnii fi qooda fudhattoonni tuurizimii shoora yaa’ii gamtichaa irratti qabaatan ilaalchisuun mariin ministeerichi qopheesse Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

De’eetaan ministiraa tuurizimii Salaamaawiit Daawiit fayyadamummaa Itiyoophiyaan yaa’ii kanarraa argattu guddisuuf hojjechuun nibarbaachisa jedhaniiru.

Haala Kanaan hoteelonnii fi daawwachiiftonni Itiyoophiyaan tuurizimii konfaransiin caalaatti fayyadamtuu akka taatu hirmaattota yaa’ichaaf bakkeewwan tuurizimii beeksisuu fi akka daawwatan gochuun shoorasaanii bahuu akka qaban ibsaniiru.

De’eetaann ministiraa dhimmi alaa ambaasaaddar burtukaan Ayyaanoo gamasaaniin hoteelonni galii yaa’ii kanarraa argatan caalaa ergama biyyaa fageessanii ilaaluu akka qaban himaniiru.

Keessumaa hirmaattonni yeroo turtiisaanii akka dheeressan simannaa mijaawaa fi si’ataa kennuun itti gaafatamasaanii sirnaan akka bahan waamicha dhiheessaniiru.

Abbootiin hoteelaa, daawwachiiftonnii fi qooda fudhattoonni tuurizimii kanneen biroo marii kanarratti hirmaataniiru.

Yaa’iin hooggantoota gamtaa Afriikaa 36ffaa Guraandhala 11 fi 12 bara 2015 teessoo gamtichaa magaalaa Finfinneetti ni adeemsifama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015