Naannoo Oromiyaatti Dargaggoota Dhibbeentaa 80 Ta'aniif Carraa Hojii Uumuuf Hojjatamaa Jira

75

Adaamaa Caamsaa 06/2011 Naannoo Oromiyaatti bara bajataa qabamee jiru kanatti dargaggoota dhibbeentaa 80 ta'aniif carraa hojii uumuuf hojjatamaa akka jiru Naannichatti biiroon magaalaa fi misooma Industirii beeksise.   

Bara kana dargaggoota miiliyoona 1 ta'aniif carraa hojii uumuuf karoorfamee akka tures ibsamee jira.

Itti aanaan biiroo magaalaa fi misooma Industirii naannoo Oromiyaa obbo Geetaachoo Galataa akka jedhanitti dargaggoonni kunneen carra hojii kana kan argatan mootummaan naannoo Oromiyaa karoora adda ta'e baasee hojjacha jiraachuu isaatiini jedhaniiru.

Kanaanis mootummaan nannichaa carraa hojii dargaggootaaf birrii biiliyoona 3.5 ramadeen dargaggoo kuma 500 ji'a qabamee jiru kana irraa kaasee hojiitti galchuuf hojjatama jiraachuus himanii jiru.

Intarpiraayizootaaf leenjii garaa garaa kennuu, dhaabbilee deeggarsa kennan adda baasuu, magaalaa fi baadiyaatti lafa qonnaaf ta'u qopheessuun hojii ijoo hojjatamaa jirani jedhaniiru.

Yuunivarsiitotaa fi dhaabbilee misoomaa waliin ta'uun hubannoo irratti, dhiyeessii meeshaalee irratti hojiin hojjatamaa jiras jedhameera.

Ji'oota 9 darbanittis dargaggoota kuma 339 ta'aniif carraan hojii ummamuus hogganaan kun dubbataniiru.

Dargaggoota carraan hojii uumameef keessaas kuma 23 fi 674 kanneen ta'an dhaabbilee barnoota olanoo irraa kanneen eebbifamani dha jedhaniiru.

Kanaanis raawwiin naannichaa dhibbeentaa 40 gadi ta'uus dhaamanii, birrii liqii kennuu fi deebisuu irratti rakkoolee muldhatanii fi hubannoo dargaggootaa cimsuu irrattis hojjatama jira.

Naannoolee Oromiyaa lixaa fi godina Gujiitti rakkoon nageenyaa mudatee ture ammoo carraa hojii uumuuf akka rakkootti kan muldhatanidhas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015