Buufanni meeshaalee fi terminaaliin Dirreedawaa birrii biiliyoona 3 tuqaa 5’n ijaarame eebbifame

68

Amajjii 25/2015 (TOI) Buufanni meeshaalee fi terminaaliin Dirreedawaa  birrii biiliyoona 3 tuqaa 5’n ijaarame har’a eebbifamee tajaajila kennuu eegaleera.

Buufannii fi terminaaliin kun sochiiwwan daldala alergii fi biyya galu sadarkaa olaanaatti guddisuun guddinaa dinagdee waliigalaa fi sharafa alaaf shoora olaanaa akka qabaatu beekameera.

Buufannii fi terminaaliin kun lafa heektaara 34 tuqaa 1 irratti kan ijaarame yoo ta’u, gamoo biiroo abbaa darbii sadii, mankuusaa, terminaala konteenarii fi daandii konkiriitii keessoo heektaara 10 qaba.

Kana malees iddoo altokkotti konkolaataa 140 dhaabsisu, mankuusaa meeshaalee lama akkasumas hadiida baaburaa buufaticha sarara Itiyoo Jibutii waliin walquunnamsiisu akka hojjetameef ta’uun beekameera.

Eebbi har’a taasifamaa jirurratti dhaabbanni geejjiba galaanaa fi lojistiiksiin Itiyoophiyaa maqaa oomishaa haaraa ifa taasiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015