Sanyiin kaleessaa, firii har'aa, galaa boruuti

100

Amajjii 25/2015 (TOI) - Sanyiin kaleessaa firii har'aa fi galaa boruuti jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad. Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad haala yeroo ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Dogongorri kaleessaa cabiinsa har'aa uumuu isaa hubannee, qaamaa furmaata waaraa fidu cinaa ta'uuf yaa qophoofnu jedhan.

Yaada fi humna haaraa qabannee gara fuulduraatti tarkaanfachuuf abdiin haa kaannu. Jijjiirama fooyya'aa fi boruu fooyya'aa ta'eef haa carraaqnu. Akka biyyaa fi ummataatti kan nu baasu daandii kana.

Dogongora kaleessaa yoo qulqulleessine iddoo isaatti sanyii gaarii yoo facaafne, shakkii tokko malee ifaajjiin keenya firii gaarii buusa; ijoollee keenyafis galaaa gaarii ta’a” jedhan ergaa isaaniin.

Yeroon wanti tokko uumamee fi ittin beekamu garaagara ta’uu akka danda’u, daa’imni garaatti erga hafee baatiiwwan booda ulfaa ta’ee mul’atee, dhalachuuf ammoo yeroo dabalataa kan fudhatu ta’uu ibsan.

Daa’imni dhalatee guddatee, sansaknii fi amalli isaa guutummaatti kan beekamu ammoo waggoota boodaa yoo ta’u, iccitiin jireenyaa inni guddaanis ulfi kaleessa hinmul’anne fi daa’imummaa keessaa har’aa ga’eessi namaa dhokatee jiraachuu fi guddachuudha jedhan.

Eenyummaa kaleessaa fi bu’aa isaa, tarkaanfii har’aa fi sirreeffamoota bocuu fi qajeelchuu danda’uun ammoo dhugaa abdii qabeessaa ta’uu himaniiru. Midhaanii fi aramaan oyiruu qonnaa keessa kan jiraataan, yeroon biqilaanii guddataanii itti ifa ba’an garaagara.

Mukni sanyii isaa keessa kan jiraatu, akka biyyee, qilleensaa, ifa kunuunsa argatuun adeemsa yeroo keessa guutummaan eenyummaa isaa ifa ba’a.Akkuma sanyii, yaadni hawaasa keessatti facaafamu, guddatee, ifa ba’ee, namoota keessatti qabatamaa ta’ee mul’achuuf yeroo bal’aa kan fudhatuudha. Kanaafis waan hinmul’anne akka waan hinjirreetti fudhatamuun, kana malees, dandeettiin hubannaa keenyaa yeroo wantichi ifa ba’utti dogoggora ta’a.

Keessumaa jijjiiramaa sirnummaa, bu’aan gaariis ta’ee yaraan yeroo gababaa keessatti kan hinmul’annee fi hingalmoofnee ta’uu kaasaniiru. Yaadni ka’umsa jijjiiramaa namootaa keessatti bu’uurefamee, muuxannoo fi sirna ta’ee, aadaa ibsama eenyummaa hawaasaa hanga ta’anitti baroota kan lakkoofsisuudha. Jijjiiramichi kufaatii hordofsiisuus ta’e, bu’aaleen isaa kan beekamu walharkaa fuudhiinsaa dhalootaa keessatti akka ta’e, dhimmicha ammoo yaada nama dhuunfaarraa ka’ee imaammata, tarsiimoo fi karoora ta’ee yeroo hojiirra oolu, suuta bu’uureffamaa, akkaataa jireenyaa, barsiifataa fi amala ta’ee, akka weeraraa namootaa muraasaan eegalee hedduu dhuunfata jedhan.

Jijjiirama kana ka’umsa isaa kanneen hin hubanne, jalqabbii fi guddina jiru sirnaan kanneen hinhubanne jijjiiramoonni uumamaan akka tasaa fi naasuu hawaasaa kan hordofsiisan ta’uu ibsaniiru.

Bu’aan qormaataa biyyaalessaa dhiyeenyaa gadi lakkifames kanaaf argisiiftuu gaariidha. Tooftaa hanna qormaataa hambisuuf hojiirra oolfameen barattonni %50 ol fidan muraasa ta’uu fi barattoonni manneen barnootaa tokko tokkottis guutummaatti darbuu dhabuun hawaasa keessatti naasuu uumeera.

Cabiinsi sirna barnootaa har’aa bu’aa daandii jajal’ataa waggootaan kurnaan darban keessa darbamee ta’uu yaadachiisuun, dhugaan beekamuu qabus, rakkichi halkan tokkotti akkuma hinuumamne furmaannii isaas guyyaa tokkotti dhufuu akka hindandeenye ibsaniiru.

Har’a, ililii isaarra darbee firiin argine rakkoo damee barnootaa guutummaatti sirreessuuf yeroo dheeraa fi gatii olaanaa kan gafatuudha. Cabiinsi kunis rakkoo damee tokko qofaarratti mul’atuudha jedhamee hubatamuun dogoggora akka ta’e kaasuun, akkumaa damee barnootaarratti dadhabbiin mul’atu caba yeroo dheeraa damee siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa, sirna haqaa fi nageenyarratti kan mul’atan ta’uu himan. Kufaatiiwwan kunneen akkuma sirna barnootaa kan duraa dhaabbatu hanga hinargannetti dhokatanii turuu fi ka’umsa rakkoolee dachaa ta’uuf carraan bal’aa qabaachuu kaasaniiru. Kaleessa akka biyyattii aramaawwan siyaasaa fi hawaasummaa buqqifamanii hingatamne, waan hinjirre fakkaatanii hiddi isaanii dhokatanii turuu, ammaa haala mijataa eeggatanii adeemsa siyaasaa lafa qabsiisuuf hojjetamuun muuxannoowwan gaggaarii wayita walsaaman mul’atu jedhan.

Waggoottan kurnan hedduu darban ukkaamsaa fi humnaan rakkicha haguuguun waan hinjirre fakkaataanis, seenessii qoqqoodoo ta’anii fi sanyummaa fiixee ba’an dhaallee turre.

Har’a bilisummaa gaariin wayita jirutti qaamni rakkinichaa ka’ee wayita mul’atu argaa jirra.Dhaabbileen sirna haqaa fi nageenyaa dhaabbata guutuu ta’anii beekamtii fi caasaa sirrii utuu hinqabaatiin, sodaachisaa fi irrummaan akka saree rifeensa hedduu irree jabaa waan qaban itti fakkaatee jiraachaa turaniiru. Bilisummaa fi diimokiraasiin wayita qoraman garuu cabiinsi isaanii ifa ba’eera.

Guddinni diinagdee malaanmaltummaa fi dhiibbaa idaatiin daakamee ture lakkoofsota akeektuu ta’aaniin kooree harki rukutamaafii akka ture, kan liqeeffattan deebisaa wayita jedhamu, jireenya ummataa fooyyessuu fi carraa hojii wayita uumuu dadhabu cabiinsi jiru ifa ba’e.

Rakkinicha beekneerra jechuun qormaata jiru har’a xumurraa jechuu miti. Diinagdee fi sirna siyaasaa keenyaa hojii walfakkaataan kan eeggatuudha. Sababa gaaffiilee bilisummaa fi diimookiraasiin kan raafaman sadarkaa ga’umsa dhaabbilee hawaasummaa fi siyaasaa eessaa akka ta’e mul’ataa jira.

Carraa hojii uumuu fi ga’umsi liqii deebisuu dadhabina sirna diinagdee jiruu mul’iseera.Rakkoo jiru har’a hubannus, rakkinichi har’a akka hinuumamnee fi maddoonni furmaata isaa nu’i dhaloota har’aa ta’uu amanuun itti gaafatamaan ni hojjenna.

Gita cabiinsaa jiruu fi gadi fageenyaa rakkoolee keenyee sirriitti hubachuun tarkaanfiiwwan fooyya’iinsaa hojiirraa oolchaa jirra.

Haa ta’u malee bu’uura dhimmichaa haaluuf yaaluun yookaan sababoota hinamansiisne kaa’ani darbuun rakkooleef furmaataa waaraa hinfidan. Wayita rakkooleen mudatan quba itti qabuu fi qaawwaan hulluuqanii miliquun furmaata sodaattotaa fi gowwootaa yoo ta’u, daandiin abshaalotaa fi goototaa ammoo rakkoolee mudatan dura dhaabbachuun ogummaan irra aanuuf carraaquudha.

Dogongorri kaleessaa cabiinsa har'aa uumuu isaa hubannee, qaamaa furmaata waaraa fidu cinaa ta'uuf yaa qophoofnu jedhan.Yaada fi humna haaraa qabannee gara fuulduraatti tarkaanfachuuf abdiin haa kaannu. Jijjiirama fooyya'aa fi boruu fooyya'aa ta'eef haa carraaqnu.

Akka biyyaa fi ummataatti kan nu baasu daandii kana. Dogongora kaleessaa yoo qulqulleessine iddoo isaatti sanyii gaarii yoo facaafne, shakkii tokko malee ifaajjiin keenya firii gaarii buusa; ijoollee keenyafis galaaa gaarii ta’a” jedhan ergaa isaaniin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015