Hojjettoonni baankii daldalaa distiriiktii Eekkaa jiddugaleessa gargaarsaa daa’imman dhukkubsattoota onnee Itiyoophiyaaf birrii kuma 136 deeggarsa taasisan

102

Amajjii 24/2015  (TOI) - Hojjettoonni baankii daldalaa distiriiktii Eekkaa jiddugaleessa gargaarsaa daa’imman dhukkubsattoota onnee Itiyoophiyaaf birrii kuma 136 deeggarsa taasisan.

Hojjettoonni baankichaa dhukkubsattoota onneef  ga’eesaanii gumaachuuf yaadauun guyyaa har’aa deeggarsa taasisuusaanii ibsanii, fuulduras deeggarsa walfakkaatu cimsanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.

Hojii gaggeessaan olaanaa baankichaa damee Eekkaa Wubaalem Kabbadaa, itti gaafatamtoonnii fi hojjettoonni distiriiktichaa daa’imman onnee dhukkubsatan cinaa dhaabachuusaanii ibsuuf deeggarsa kana taasisuusaanii ibsaniiru.

Haala Kanaan ittigaafatamtoonnii fi hojjettoonni distiriiktichaa jiddugaleessa gargaarsaa daa’imman onnee dhukkubsattoota Itiyoophiyaaf deeggarsa birrii kuma 136 taasisuusaanii dubbataniiru.

Namni hundi fayyaa daa’immaniif ga’eesaa bahuu fi kunuunsuuf itti gaafatama qaba kan jedhan hoji gaggeessaa olaanaan kun, kan qabnurraa hir’ifnee deeggaruun itti gaafatamummaa hawaasummaa keenya bahuu qabna jedhaniiru.

Dhaabbilee kan birosos dhukkubsattoota onneef deeggarsaa fi gargaarsa akka taasisan ergaa dabarsaniiru.

Hojii raawwachiisaan jiddugaleessa gargaarsa dhukkubsattoota onnee Itiyoophiyaa Hiruuyi Alii, deeggarsa hojjettoonni baankii daldalaa distiriiktii Eekkaa taasisaniif galateeffataniiru.

Deeggarsi kun lubbuu daa’imman onnee dhukkubsatanii baraaruuf yaalii taasifamu kan jabeessu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015