IGAD gargaartuu Komishinaraa Atleet Daraartuu Tulluu gumaacha nagaaf taasisteef beekamtii kenne.

226

Amajji, 24/2015(TOI) - Gargaartuu Komishinara Atileet Daraartuu Tulluu Itoophiyaa keessatti sagalee nagaa ta’uun gumaacha nagaaf taasisteen IGAD namoota dhiibbaa uumtoota jechuun beekamtii kenneefira.

IGAD gabaasa waggaa sadaffaa dhaabbatichaa Keeniyaa Mombaasaatti gamaaggamaa jira.

Barreessaan olaanaa IGAD Doktar Warqinee Gabayyoo akka jedhanitti waggoota darban naannichi balaa nam-tolchee fi uumamaan yeroo qoramaa turetti dhaabbilee fi namoonni dhuunfaa adda addaa nagaa fi tasgabbii naannichaaf gahee bakka bu’aa hin qabne taphataniiru.

Haaluma kanaan namoota dhuunfaa gama jijjiirama qilleensaa, ittisa balaa, nagaa fi tasgabbii, gargaarsa namoomaa fi dhimmoota biroo irratti gumaacha olaanaa taasisan 21 naannichaa fi waltajjiiwwan idil-addunyaa irrattis beekamtiin kennameera.

Gargaartuun Komishinaara Atileet Daraartuu Tulluu walitti bu’iinsa kaaba Itoophiyaa hordofuun nagaan akka uumamuuf waltajjii adda addaarratti sagalee nagaa ta'uudhaan gumaacha olaanaa waan baateef IGAD irraa beekamtii argateetti jedhaniiru.

Waltajjii hundaarratti nagaaf dhaabbachuun ambaasaaddara gaarummaa ta'uu ishee agarsiifteetti jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015