IGAD balaa nam-tolchee fi uumamaa naannichatti mudate qolachuu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera

105

Amajji, 24/2015(TOI) - IGAD balaa nam-tolchee fi uumamaa naannichatti mudate qolachuu keessatti gumaacha olaanaa taasisuu barreessaan olaanaa IGAD doktar Warqinee Gabayyoo beeksisan.

IGAD dhimmoota idil-addunyaa fi naannoo irratti dammaqinaan hirmaachuun tumsa obbolummaa jiddugala godhteen qindoomina biyyoota miseensa isaa kan cimsu ta'uu himaniiriu.

IGAD gabaasa waggaa yeroo sadaffaa sochii biyyoota naannichaa Keeniyaa Mombaasaatti gamaaggamaa jira.

Barreessaan olaanaa dhaabbatichaa doktar Warqinaa Gabayyoo akka jedhanitti, IGAD hogee, babal'achuu gammoojjummaafi hiyyummaa naannichaa keessa jiru waliin qolachuuf obbolummaa biyyoota qaxanichaa cimsuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira jedhaniiru.

Kanaanis IGAD kan kanaan duraa caalaa fooyya'aafi dhiibbaa cimaa uumaa jira jedhaniiru.

Balaawwan nam-tolchee fi uumamaa waggoota shanan darban keessa biyyoota naannichaa keessatti mudatan IGAD irratti qormaata cimaa akka ta’e yaadachiisuun, dhaabbatichi balaa nam-tolchee fi uumamaa mudate qolachuuf gumaacha olaanaa akka taasise ibsaniiru.

Keessattuu, hongee, waraanaa, walitti bu’iinsaa fi shororkeessummaan naannicha irratti balaan cimaan akka mudatu taasiseera jedhan.

Biyyoota naannichaa gidduutti obbolummaa fi tumsa uumuuf kan hundeeffame IGAD waggoota sadan darban keessatti nagaa fi tasgabbii naannichatti uumuuf gahee olaanaa bahachaa turuus eeraniiru.

Hojiiwwaan waldhabdee daangaa Itoophiyaa fi Sudaan gidduu jiru karaa nagaa hiikuu, walitti bu’iinsa siivilii Sudaan Kibbaa dhaabuuf hojjetaman akka fakkeenyaatti eeraaniiru.

Walitti bu’iinsi kaaba Itoophiyaa ture karaa nagaa furuuf IGAD waliigalteen nageenyaa Afrikaa Kibbaa fi Keeniyaatti taasifame akka milkaa'uuf tattaaffi cimaa taasiseera jedhaniiru.

Doktar Warqinaa Gabayyoo akka jedhanitti, waliigalteen nageenyaa walitti bu'insa Kaaba Itoophiyaa furuuf taasifame ''rakkoon Afrikaa Afrikaanotaan furmaata argachuu akka danda'u kan agariiseedha.

Waggoota lamaan darbanitti biyyoonni miseensa IGAD shan, Itoophiyaa, Yugaandaa, Jibuutii, Somaaliyaa fi Keeniyaan filannoo biyyoolessaa karaa nagaa geggeesuun xumuruun isaanii shaakalliin dimokiraasii akka umamu muuxannoo gaarii ta'uu isaanii himaniiru.

Bara 2021 hanga 2022tti hongee, walitti bu’iinsaa fi waraanni Yukireenitti ta'e biyyoota miseensa IGAD ta’an kan qore ta'uu himanii, namoonni miiliyoona 36 ol ta’an sababa hongeen miidhamuu doktar Warqineen himaniiru.

Kanaafis IGAD dhaabbilee idil addunyaafi aardichaa waliin ta'uun gargarsa namoomaa taasisuu himaniiru.Gara fuula duraattis IGAD tooftaalee balaa hir’isuu fi dursanii akeekkachiisuu cimsuun nagaa fi tasgabbii naannichaa keessatti gahee ijaarsaa ni taphata jedhaniiru.

IGAD dhimmoota nageenyaafi tasgabbii Gamtaa Afrikaa waliin ta’uun kan hojjetu yoo ta’u, kanaafis karoorri tarsiimoo hanga bara 2025tti qophaa’uu beeksisaniiru.Biyyoota miseensa dhaabbatichaa ta’an gidduutti obbolummaa fi tumsa uumuuf jecha IGAD Akkaadaamii Manaajimantii IGAD dargaggoonni naannichaa barnoota itti argatan ni qopheessas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015